Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Israa'el Guyyaatti Sa'aati Afuriif Dhukaasa Dhaabuuf Waadaa Seene Akka Hojii Irra Oolchu Gaafatamee Jira


FAAYILII: Lola Israa'elii fi Hamaas
FAAYILII: Lola Israa'elii fi Hamaas

Sanbata darbe irraa kaasee yemmuu jiraattonni Gaazaa kuma 80 ta’an garaa kaaba Gaazaatti baqachaa jiran kanaatti , haalaa gargaarsa namoomaa mijeesuudhaaf jechaa mootummaan Israa’el guyyaatti Sa’atii Afuriif dukaasa dhaabuuf fedhii agarsisuun isaa beekamee jira.
Dhimmaa kana ilaalchisee ibsa kan kennan dubbi himaan mana maree naggenya biyyaaleessa kan Yunaayitid Isteets Joon Kerbii, Israa’el kaaba Gaazaa bakkaa Hamaasii wajjin wal lolaa jirtu keessatti guyyaatii Sa’atii Afuriif dhukaasaa dhaabuudhaaf waadaa seente hojii irraa oolchuu qabdii jedhanii jiru.
Walakeessa bahaatti dhimmaa gargaarsa namoomaa irratti jiila addaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Deeviid Saaterfiild gama isaniitiin, akka gabaastotatti himanitii, boqonnaan Saa’tii Afurii yoo hojii irraa oole siviilotaa madaa’ani fi lammilee biyyoottan alaa gaazaa keessaa basuudhaaf akka gargaarr ibsanii jiru.
Karaa biraatiin, Waa’ee Sa’atii Afuriif dhukaasaa dhaabuu kana irratti dhaabanni mootumootaa gamtoomanii ibsa dabalataa akka barbaadu kan ibsan dubbii himaan dhaabatichaa Isteefaan Dujaarik, “ tajaajilli gargaarsa namoomaa haalaa amansiisaa ta’een akka raawwachuu danda’u gareewwan walwaraansicha keessaa harka qaban hundaa wajjin waligalteen taasifamuu qaba” jedhani jiru.
Dhaabbata mootumoota gamtoomanitti biiroon qindeesa dhimma gargaarsaa namoomaa akka jedheetti, Roobii dheengaddaa yemmuu Israa’el Sa’aatii Shaniif dhukaasa dhaabdee namoottan Kuma 50 ta’an garaa kibbaatti baqachuu danda’aniru. Dhaabanni mootumootaa gamtomanii dabalee akka ibseetti hospitaalli Al Quds jedahmu inni Gaazaatti argamu dhabiinsa boba’atiin kan ka’e cufaamuu isaa ibsee, hospiitaalli tokkichii inni tajaajilaa haadhowanii kennu kan Kaaba Gaazaa keessatti argamuu broos dhihootti cufamuu danda’a jedhee jira.
Muumichii ministeeraa Israa’el Beenjaamiin Netaaniyaahu ibsa madda oduu Fooks jedhamuuf kennaniin, akka warren Hamaasiin fakkaatan deebi’anii hin margine umnii amanamaa ta’e Gaazaa keessa akka jiraatu barbaanna jedhanii jiru. Netaniyaahuun dabaluudhanis, Gaazaan gareewwab hidhannoo qabanii fi finxaaleyitootaa irraa erga qulqullaa’ee boodaa akka deebisamee ijaaramuu ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG