Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dantaa Alaa fi Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteetis Indiyaatti Gitoota Isaanii Ka Biyyattii Waliin Marii Taasisan 


FAAYILII: Ministarri dantaa alaa Yunaayitid Isteeiys biyya Hindii daawwatan
FAAYILII: Ministarri dantaa alaa Yunaayitid Isteeiys biyya Hindii daawwatan

Ministeerri dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Blinken gita isaanii Ministeera dhimma alaa Indiyaa Sabraahimaanyaam Ja’ishaankar wajjin kan walargan yemmuu ta’u, Miniteerri Ittisaa Looyid Osten immoo ministeera Ittisaa Indiyaa Raajinaat Sinij wajjin magaala Niwudelih keessatti wal arganii dhimmaa biyyootan lammanii irratti maryatanii jiru.

Walgahii kana ilaalchisuudhaan kan dubbatan ministeerri Ittisaa Indiyaa, naannoo sana keessatti qormaanni adda addaa jiraatus dhimoottan caalaa barbaachisaa ta’an irratti xiyyeeffaannaa akka kennan ibsanii dhimmi Itisaa garuu utubaa barbaachisaa waliti dhufeenya biyyoottan lammanii akka ta’e himaniiru.

Indiyaanii fi Yunaayitid Isteets, jaappani fi Austiraaliyaa wajjin garee dhimma nageenyaa naanichaa farra sochii Chaayinaa keessa jiru. Indiyaani fi Chaayinaan dhimmaa daangaa Himaaliyaatin wal qabatee erga bara 2020 kaasee muddama keessa biyyootan jiraniidha.

Karaa biraatiin Indiyaan dhimmaa dinagdee fi Ittisaatiin walqabatee Raashaa wajjin hariiroo tolfatee jirti. Erga Raashaan Yuukreeniin weerartee as biyyoottan lixaa hariiroo Indiyaan Raashaa wajjin qabdu irratti gammachuu akka hin qabne ni beekama.

Karaa biraatiin, Ji’a Fulbaanaa darbe keessa nammii Lammii kaanaadaa ta’eefi hoggantootaa gareewwan finxaaleyitootaa gosa Siik warren indiyaa irraa addaanbahuu barbaadanii keessaa tokko kkan ta’e Haardeep Siin Niijaar Kaanaadaa keessatti ajjeefamee. Ajjeechaa sana kan raawwatee mootummaa Indiyaati jechuudhaan Kaanadaan erga himattee boodaa, biyyoottan lamman giduutti muddaminni cimaan muudatee jira.

Indiyaan gochicha raawwachuu ishee haaltus, dhimmichaa irrattii qorannoo Kaanaadaan taasisaa jirtuu gargaarudhaaf akka fedhii agarsiiftuu Yunaayitid Isteets akka barbaaddu ibsameeraa.

Antonii Bliinken Jimaataa har’aa ibsaa oduu gabaastotaaf kennaniin, “biyyoonni lamman michuu keenyaa waan ta’aniif waldhabdeen isaan gidduu jiru akka hiikamu barbaanna” jechuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG