Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Hawaasaatti Waajirri Paartii Mormituu Cabsamuu Fi Qabeenyaan Waajirichaa Fudhatamuun Himame 


Magaalaa Hawaasaa
Magaalaa Hawaasaa

Paartiin mormitootaa Feederaalistii Sidaamaa, umnoottan mootummaa waajiraa isaa cabsuudhaan galmeewwan akka fudhatan ibsee jira.

Biiroon Paartichaa cabsamuu isaa kan sagalee Amerikaatti himan Itti gaafatamaan waajira Paartichaa obbo Gennenuu Hasanaa hojii raawwachistootaa dabalatee miseensonni Partichaa 48 sababa garagarummaa siyaasaa qabaniifi jecha ajajinni itti bahee barbaadamaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluudhaanis hojjatan waajjira paartichaa obbo Saamu’eel Laanqaamoo akka waajjirri partichaa umnaan hin cabsamnne waan mormaniifi poolisootaan qabamanii akka hidhaman ibsanii miseensonni paartichaa 22 kanaan dura qabamanii hidhaman akka gadi hin lakisamne himaniiru.

Yuniiversitii Hawaasaatti barsiisaa seeraa kan ta’an dura taa’an paartichaa obbo Tesemaa Eeliyaas, ijjannoo Siyaasaatiin kan ka’ee yeroo adda addaaf qabamanii hidhaamuu isaanii ibsanii, itti gaafatamaan waajjiraa partichaa dhiibbaan Siyaasaa itti hammanaan biyyaa baqachuu isaanii ibsaniiru

Mootumma bulchiinsaa naannoo Sidaamaatti itti gaafatamaan biiroo Kominikeshinii obbo Wesenyeleh Simi’on, rakkoon kan jiru hoggaantootaa Paartichaa gidduudha jedhanii, mootummaa naanichaa irratti himaanaan dhihaachaa jiru waan bu’uraa hin qabneedhaa jedhaniiru.

Obbo Wosenyelehiin itti dabaluudhaanis namoonni ijjaannoo Siyaasatin walqabatee hidhaman akka hin jireefi namoottan yakka raawwatanii qabaman dhimmi isaanii seeraan ilaalamaa akka jiru ibsuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG