Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Hidhaa Maqalee Keessaa Miliquuf Kanneen Yaalan Namoonni 4 Ajjeefaman


FAAYILII: MAGAALAA MAQALEE
FAAYILII: MAGAALAA MAQALEE

Wal taasisaan mana hidhaa kanaa Komaandar Amaanu’el Fissehaa Sambata dabree Sadaasa 1 bara 2016 miliquuf kan yaalan hidhamtoota 125 keessa 4 humnootii nageenyaan ajjeefamuu ibsan.

Eenuyummaan namoota ajjeefamaniis waan beekameef maatii isaanti himuuf akka jiran akkasumas reeffii kan kennamuuf ta’u ibsan. Maaltu kana akka uumees qoratamaa jiraa kan jedhan Komaandar Amaanu’el, Dilbata kaleessaa garu tasgabiin argamuu ibsan.

Jeequumsa Sambata dabree jeequumsa uumamee kanaan, miseensoota naga eegmsaa 7 miidhaa guddaan irra ga’e wal’ansa fayyaa argataa akka jiran ibsamee jira.

Wiixata har’a maatiin namnii jalaa hidhamanii jiranii nageenya isaanii hubachuuf jecha dabaree dhaabatanii turan. Isaan keessaa tokko kan ta’an Obbi Hintsaa Gabra Medhin akka jedhanti, hidhamtoonni seera dhaabatichaa kabajuun akka jiraatan mootummaanis mirga hidhamtootaa kabajuu akka qabu ibsan.

Hidhamtoonni meeqa hidhaa keessa akka jiran ibsuu irraa kan of qustan Komaandar Amaanu’el, kan miliruuf yaalan kan blookii tokko keessatti hidhaman ta’u ibsan.Kan miliqee garu hin jiru jechuu isaanii Muuluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG