Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Aaanaa Buree Keessatti Haleellaa Hidhattootaan Yoo Xiqqaate Namoonni Shan Ol Ajjeesaman Jechuun Jiraattoonni Dubbatan


Naannoo Amaaraa Aaanaa Buree Keessatti Haleellaa Hidhattootaan Yoo Xiqqaate Namoonni Shan Ol Ajjeesaman Jechuun Jiraattoonni Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00

Naannoo Amaaraa Aaanaa Buree Keessatti Haleellaa Hidhattootaan Yoo Xiqqaate Namoonni Shan Ol Ajjeesaman Jechuun Jiraattoonni Dubbatan

Naannoo Amaaraa Godina Gojjam Lixaa Aanaa Buree keessatti haleellaa Jimaata torban darbee eegalee raawwatame jedhameen namootni Shanii ol ajjeesamuu, namoonni haleellicha jalaa dheessuun Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti baqanne jedhanii fi kanneen maatiin isaanii keessaa akka namni jalaa ajjeesame dubbatan - Sagalee Ameerikaatti himan. “Haleellaa kana hidhattoota Fannoo tu raawa’ate” jedhu – jiraattonni kun.

Gurmaa'insa Faannoo Buree keessa jiru akka geggeessan ka dubbatan, Shaalaqaa Geetaahun Barree ammoo "hidhattootni keenya haleellaa kana hin raawwanne, gochi kun namoota siyaasaan qindaa'ee, Faannoo Paartiin Badhaadhinaa gurmeesseen raawwatame" jedhaniiru.

Dhimma kanarratti anga'oota mootummaa Aanaa Buree Irraa odeeffannoo argachuuf tattaaffiin taasisne hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG