Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hospitaala Gaazaa Keessa Jiruuf Akka Gargaarsi Taasisamuu Qabu Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Hubachiisan 


Faayilii: Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden
Faayilii: Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Loltoonni garee Hamaas dhaabbilee fayyaa keessaa riphanii jiru jechuudhaan waraannii Israa’el yemmuu Hospitalota irratti haleellaa raawwachaa jiru kannatti, prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden Hospiitaala Gaazaatiif akka eegumsii taasifamuu qabu hubachiisanii jiru.

Hospitaalii guddaan Gaazaa kessatti argamuufi yeroo ammaa loltoota Israa’eliin marsamee jiru kan “Al Shifaa” jedhamee beekamu irratti wantii raawwachaa jiru akka isaan yaaddesse prezidaant Baayiden ibsaniru.

Wixata kaleessaa daa’immaan Sadii dabalatee dhukubsattoonni 32 hospitaala Al Shifaa keessatti du’uu isaanii ministeerri fayyaa bulchiinsa Paalastaayin beeksisee jiraa.

Daayirekteerri olaanaan dhaabbata fayyaa adduunyaa Dokteer Tewodiroos Adihaanoom wiirtuun fayyaa Gaazaa sun kana booddee akka hospitaalaatti fayyaduu akka hin dandeenyeefi halaa hamaa keessaa akka jiru ibsuun isanii gabaasamera.

Wa’ee hospitaalichaa ilaalchusuudhaan kan dubbatan haanga’onni waraanni Israa’el meeshaa daa’imman reefuu dhalatan ho’isuu danda’u garaa hospitaalichaatii akka geessan ibsanii jiru.

Akka haanga’onni mootummaa Israa’el jedhanutti, gareen Hamaas bakkaawwan Sivilonni jiraatan keessa maandhefatee akka jiruuf hospitaalotaa fi buufatalee fayyaa adda adda immoo wirtuu ajajaa godhee itti fayyadamaa jira. gareen Hamaasi fi hojjattonni hoospitaalaa garuu waan israa’el jechaa jirtu kana alanii jiru.

Dhimmaa kana irraati yaada dabalataa kan kennaan Prezidaant Baayiden , tarkaanfiwwan naannoo hospitaalaa irratti fudhataman of qusannaa fi of eeggannoo addaatiin akka ta’uu abdiin qaba jedhaniiru.

Haanga’onni Palastaayin Gaazaa irraa akka ibsanittii amma amaatti namootan kum 11 kan du’an yemmuu ta’u, isaan keessaa harkii 40n ijoollewwani.

Haaluma walqabateen deggertoonni Irsaa’el kumaan lakkaawaman qibxata har’aa as magaalaa waashingteen Diisii keessatti hiriira bahuudhaan degersa Israa’elii fi qabanu akka ibsanuu,akkasumas namoottan Hamasiin butamanii fudhataman akka gadi lakisaman akka gaafatan beekameera.

Hiriira kana kan qopheessan, Amerikaa kaabaatti dhaabata feedereshiini Juushii fi dhaabbilee saba Yihuudii biroo akka ta’an beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG