Muumichii ministeraa Abiy Ahmed qibxata har’aa walga’ii mana maree bakka bu’utaa irratti gaaffi miseensotaa mana maree bakka bu’otaa irraa dhihaateef deebii kennaniin,gareewwan qabsoo hidhannoo taasisaa jiraan meeshaa isaanii lafa kaa’udhaan waldhabdee isaanii marii siyaasatiin qofa akka hiikan hubachiisani, gareen hidhatee lolu kamiyyuu mootummaa feederaalaa moo’uu akka hin dandeenyee ibsanii jiru. Itti dabaluudhaanis mootummaan isaanii haleellaa irratti raawwatame of irraa qolachaa jira malee jeequmsa akka hin jalqabne himanii jiru.
Waa’ee haalaa nageenyya naannoo Amaaraa keessa jiruu fi labsii yeroo atattamaatin walqabatee gaaffii ka’eef deebii kan kennan muummichii ministeeraa, labsiin yeroo atattamaa naannoo Amaraa keessatti amma tokko nagenyaa mirkaneesu isaa ibasniiru.
Muumichii ministeeraa waa’ee Galaana diimaa ilaalchisee haasaa Kanaan dura taasisan irratti, akka ibsa kennan gaafatamanii biyyii isaanii biyyaa kamiifuu soda ta’uu akka hin barbaanne himanii, yaadiin ka’ee waa’ee fayyadama buufataa doonii galaana diimaa irratti serii akka jiraatuu maryachuudhaaf akka kaka’umsii uumamu gaafachuuf akka ta’ee ibsaniru.
Ityoophiyaan Galaana diimaa irratti akka buufata doonii qabaattu gaaffiin dhiheesitee akka deebii argatu hawaasnii adduunyaas akka deggersa taasisu gaafachuu isaanii kan ibsan Muummichii miniteeraa, kun ta’uu dhabaanaan garuu adeemsa yeroo keessatti rakkon umamuu danda’a jechuu isaanii Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum