Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Keniyaa fi Sudaan Dhimma Biyyoota Lamaanii Irratti Marii Taasisan 


Prezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi Hoogganaa mana maree ce'umsaa Sudaan Abudlfattaah Al Burhaanii
Prezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi Hoogganaa mana maree ce'umsaa Sudaan Abudlfattaah Al Burhaanii

Prezidaantin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo fi hogganaan mana maree Ce’uumsaa Sudaan Abdulfataah Al Burhaanii kan walaganii maryatan wixata keleessaa magaala Naayiroobii keessatti akka ta’e beekameera.

Mariin hoggantootaa lammanii kan xiiyyeefate waa’ee walti dhufeenyaa biyyoottan lammani fi waa’ee dhimmaa nageenyaa yeroo ammaa Sudaan keessa jiruu irrati ta’uun isaa ibsameera.

Wal waraansa sudaan keessatti taasifamaa jiru irratti akka waligalteen dhukaasa dhaabuu taasifamu, marii nageenya waaraa qabeesaa ta’eef gareen dhaabata misoomaa biyyoottan baha Afrikaa ykn IGAD akka haala mijeessu hoggantoonni biyyootan lammanii gaafataniiru.

Wal waraansi Sudaan keessatti taasifamaa jiru yeroo amma ji’a torba kan guutee yemmuu ta’u, lammiileen biyyatti walakkaa ta’an gargaarsa namoomaa eegachaa akka jiran , akkasumas dhumiinsii wagga 20 dura Daarfuritti raawwatamee akka deebi’ee hin dhufne lammileen biyyatti yaadda’aa jiran maddi oduu Asooshiyeet Prees ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG