Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Isiraa'el Hidhattoota Hamaas Barbaacha Har'a Hospitaala Shifaa Ka Gaazaa Keessaa Weeraran


FAAYILII: Loltoonni Israa’el Moora hospitaala Al Shifaa keessatti, garee Islaamummaa Falasxiin Hamas irratti duula lafaa taasisaa jiran gSuraa viidiyoo irraa fudhatame Sadaasa. 15, 2023
FAAYILII: Loltoonni Israa’el Moora hospitaala Al Shifaa keessatti, garee Islaamummaa Falasxiin Hamas irratti duula lafaa taasisaa jiran gSuraa viidiyoo irraa fudhatame Sadaasa. 15, 2023

Raayyaan Ittisa kan Israa'el hospitaala Shifaa kan Gaazaa keessaa seenuu isaa beeksisee jira.Kunis Haamaasiin faana dhahuuf akka ta’e ibsamee jira.Guyyootaaf ibsaa, nyaataa fi bishaan eega dhabanii booda lakkoofsi namoota du'anii Shifaa keessatti gara 40tti ol guddate.

Hamaas fi hospitaalichi himannaa irratti dhiyaate kana ni haalan.Hamas akka jedhutti dhukkubsattoonni gara 650 fi lammiileen nagaa Falasxiin 5,000-7,000 ta’an mooraa hospitaalichaa keessa bakka dahannaa godhatanii jiru.

Ministirri fayyaa Abbaa Taayitaa Falasxiin weerarri Israa’el Shifaa irratti raawwatte “yakka haaraa dhala namaa irratti raawwatame” jedhee jira.

Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden namoonni Hamaas booji’aman ni gadhiifamu jedhanii amanu garuu yeroo akkasitti jechuun hin ibsine.

Dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa Joon Kirbii gaazexeessitootaaf akka himanitti, miseensonni Haamaas fi kan Jihaada Islaamaa Falasxiin, hospitaala sana irraa ajajaa fi to’annoo kennamuun kan hojjetan yoo ta’u, hojii waraanaa isaanii deeggaruu fi booji’amtoota qabachuuf bo’oo lafa jalaan qotamee fayyadamu jedhan.

Ministirri fayyaa kan Abbaa Taayitaa Falasxiin weerarri Israa’el Shifaa irratti raawwatte “yakka haaraa dhala namaa irratti raawwatame” jedhan.

Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummoota Antooniyoo Gutereez Kibxata kaleessaa akka jedhanitti, hospitaalota Gaazaa hedduu keessatti “haala suukaneessaa uumamee fi lubbuu namootaa akkaataa ajaa’ibaatiin darbuun isaa, akkaan kan jeeqamana ta’u ibsan.

Lakkoofsi namoota yeroo dhiyootti du’an kan Israa’el keessatti haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 raawwatameen 1,200 ta’u fi akka Ministeerri Fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ibsutti, Gaazaa keessatti namoonni 11,000, kan irra hedduun isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’an duaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG