Dhaabbatti Misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis, ykn USAID baatii Muddee keessa guutuummaa Ityoophiyaa keessatti gargaarsa nyaataa raabsuu deebisee kan jalqabu ibsee jira.
Kunis, gargaarsa kennamuu irrattin aangawoonni naannoo malaammaltummaa guddaa raawwatameen sagantaa guutuu biyyaatti gaggeeffamaa ture erga dhaabe baatii shan booda ta’u isaa ti.
Ji’a darbe USAID baqattoota tilmaamaan miliyoona 1 ta’an Itiyoophiyaa keessatti argamaniif gargaarsa nyaataa raabsuu deebisee kan eegale yoo ta’u, kunis erga mootummaan Itoophiyaa dhiyeessii nyaataa baqattootaa erguu, kuusuu fi raabsuu irraa of baasuuf waliigalee booda.
Gargaarsa raabsuu Irra deebiin jalqabuuf karoorfame kun kan dhufe erga dhaabbatichi galmee fayyadamtootaa fi hordoffii midhaan arjoomame fooyyessuuf, tarkaanfii jijjiirama erga taasisee booda ta’u, dubbi himtuun USAID Jeesikaa Jennings Kibxata kaleessaa ibsaniiru.
Tarkaanfiiwwan haaraan kun waggaa tokkoof kan qorataman yoo ta’u, “sirna gargaarsa nyaataa Itiyoophiyaa bu’uuraan kan jijjiiran, gargaarsi namoota hanqiinni wabii nyaataa cimaan isaan mudate bira akka ga’u ni gargaara” jedhan.
Uggurri kun lammiilee Ityoophiyaa miiliyoona 20.1 kanneen sababa walitti bu’iinsaa fi caamaan gargaarsa nyaataa irratti hirkatan kan miidhe. Asoosheetid Prees akka gabaasetti, Tigraay keessatti erga hojiin gargaarsa raabsuu dhorkamee as, namoonni rakkatan dhibbootaa ykn kumaatamaan lakkaa’aman beela’uun du’aniiru. Waggaa tokko dura dhukaasa dhaabuun naannoo Itoophiyaa kaabaa tti waldhabdee waggoota lamaaf ture xumureera.
Dhaabbanni gargaarsa U.S. Ammallee qondaaltonni Itoophiyaa gargarasa nyaataa deddebisuu keessatti itti hirmaatuu yoo ta’e USAID hin ibsiine.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa mootummaa fi qaamoleen gargaarsa namoomaa akkasumas dhimmi ilaallatu, biyyattii keessatti saaxilamoo warra ta’aniif gargaarsa namoomaa gahaa, si’ataa fi deebii kennuu danda’u hatattamaan akka jalqaban dhaamaa tureera.
Itti aantuu komishinarrttii olaanaa dhaabtichaa aaddee Rakeb Mesele har’a VOAf akka himanitti, erga gargaarsi nyaataa addaan citee as hawaasa keessaa kanneen daran saaxilamoo ta’an, keessumaa dubartootaa fi daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e, haala walmadaaluu hin dandeenyeen miidhamaniiru jedhan.
Forum