Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Gita Isaanii Kan Chaayinaa Wajjiin Walga’an


FAAYILII: Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Gita Isaanii Kan Chaayinaa Wajjiin Walga’an
FAAYILII: Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Gita Isaanii Kan Chaayinaa Wajjiin Walga’an

Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden fi gita isaanii Chaayinaa Xi Jinping Roobii har’a gara sa’aatii afuriif kutaa Saan Firaansiiskoo Kibbaatti kan argamu iddoo seena qabeessa Filoli jedhamtu keessatti wal arguun, dhimmoota biyyoota lamaanii fi addunyaa adda addaa irratti mari’atu jedhu namoonni karoora ba’e kana keessa beekan.

Kallattiin wal arguun prezidaantoota lameenii kun, yaa’ii Tumsa Diinagdee Eeshiyaa Paasifik isa Saan Firaansiiskootti gaggeeffamaa jiru cinatti gaggeeffamaa jira.

Hoggantoonni biyyoota miseensa Tumsa Diinagdee Eeshiyaa Paasifik 21 fi hoji gaggeessitoota olaanoo dhibbaan lakkaa’aman walgahii isaanii isa baay’ee eegamaa ture dura Kibxata kaleessaa Kaalifoorniyaa gahan.

Baayiden fi shii piing sadaasa darbe walgahii biyyoota G-20 Indooneezhiyaa Baalii keessatti gaggeeffame cinatti erga wal arganii as, qaamaan kan hin dubbanne yoo ta’u, ergasii dhimma daldalaa fi mirga namoomaa dabalatee waldhabdee humnoota gurguddoo kana gidduutti uumame cimsuun waan baay’een mudatee jira.

Walgahii kana irraa waan haaraa eegamuu tokkollee kan hin jirree ta’uus, xiinxaltoonni akka jedhanitti, galmi guddaan hariiroo Yunaaytid Isteetis fi Chaayinaa tasgabbeessuu fi gara fuula duraaf wal ta’iinsa jiraachuu maluuf tumsa ijaarsaaf bu’uura kaa’uudha. keessumaa dhimmoota addunyaa dhiibbaa guddaa qaban tokko tokko kan akka Giddugaleessaa Bhaa fi Yukireen of keessaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG