Xurree ittiin seenan

Breaking News

Laaybeeriyaan Filannoo Preezidaantiif Sagalee Uummataa Kenname Kan Marsaa Lammataa Lakkaa’uu Jalqabdee Jirti


FAAYILII: Laaybeeriyaan Filannoo Preezidaantiif Sagalee Uummataa Kenname Kan Marsaa Lammataa Lakkaa’uu Jalqabdee Jirti
FAAYILII: Laaybeeriyaan Filannoo Preezidaantiif Sagalee Uummataa Kenname Kan Marsaa Lammataa Lakkaa’uu Jalqabdee Jirti

Pirezidaantiin Laayibeeriyaa Joorji Wiihaa nama irra deddeebi’ee dorgomu injifachuun marsaa lammaffaa filatamuuf waan barbaadaniif jecha, Kibxata kaleessaa filannoo marsaa lammaffaa cimaan isaan mudatee jira.

Qondaaltonni filannoo, sagalee kennamee lakkaa’uu kan jalqaban Kibxata galgala yoo ta’u, magaalaa galma mootummaa Laayibeeriyaa Monrooviyaa keessatti erga wirtuleen filannoon cufamee booda.

Addunyaa irratti Taphataa kubbaa miilaa beekamaa kan ture Wihaan , dorgommii lammaffaa bara 2017 irratti Jooseef Bookaayiin salphaatti injifate.

Garuu ba’iin filannoo marsaa jalqabaa ji'a darbe argamee lamaanuu kokkee wal qabuu isaanii agarsiisa. Wiihaan harka %43.83 kan argate yoo ta'u Boakai ammoo waliigala keessaa harka 43.44 argatan.

Torban marsaa jalqabaa Onkoloolessa 10 erga gaggeeffamee as kaadhimamaa kunneen paartilee mormitoota biroo irraa deeggarsa cimaa barbaadaniiru.

Garuu pirezidaantiin ganna 57 Wihaan, waadaa ijoo duula filannoo irratti galan kan malaammaltummaa falmachuu fi miidhamtoota walitti bu’iinsaaf haqa mirkaneessuuf galan guutuu dadhabuun himatamaa tureera.

Boakai, 78, Laayibeeriyaa hoggansa Wihaan kuftee baraaruuf waadaa galun duula filmaataa gaggeessee jiru. Kanaan dura pirezidaantii Laayibeeriyaa kan turan Ellen Johnson Sirleaf, jalattiitti itti aanaa prezidaantii turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG