Lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Juushotaa kurna kumaan laka’aman Kibxata kaleessaa deggersa Israa’eliif qaban mul’isuu, kanneen hidhattoota Hamaasiin iggitaman akka gadhiisaman akkasumas jibbiinsa warra Juushotaa mormuuf jecha Washington keessatti hiriira geggeessanii jiran. Veroonikaa Baalderaas hiriira “Israa’eliif Haa Hiriirru” jedhu kana irratti argamuun gabaastee jirti.
Hordoffii humnootii nagaa eegsisan hedduu jalatti, Kibxata kaleessaa lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Juushotaa as Washingiten bakka National Mall jedhamutti wal ga’uu dhaan Israa’eliif deggersa qaban akkasumas Onkoloolessa 7 haleellaa shororkeessummaa Israa’el irratti raawwatameen namoonni hidhattoota Hamaasiin ukkaamsamanii fudhataman akka gad dhiisaman gaafataniiru.
Forum