Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbati 'Ethio Lease’ Jedhamu Hojii Isaa Itiyoophiyaa Keessaa Kan Dhaabu Ta’uu Beeksise


Dhaabbati 'Ethio Lease’ Jedhamu Hojii Isaa Itiyoophiyaa Keessaa Kan Dhaabu Ta’uu Beeksise
Dhaabbati 'Ethio Lease’ Jedhamu Hojii Isaa Itiyoophiyaa Keessaa Kan Dhaabu Ta’uu Beeksise

Tajaajila faayinaansii baankii biyyoolessaa irraa eeyama argatee hojjetaa kan ture kampaniin alaa tokkichi “ sochii biyyattii keessaa adda kutaa kan jiru ta’uu ibsuu isaa maddi oduu Rooyiters gabaasee jira.

Baankiin biyyoolessaa Itiyoophiyaa akka qaama jijjiirama dinagdee mootummaatti, dinagdee banaa taasisuu irratti fuuleffachuu dhaan Ethio Lease jedhamuuf eeyama tajaajilaa kan kenne bara 2019 ture.

Kan Niw Yoork keessa maadheffate abbaan qabeenyaa kampanii faayinaansii Ethio Lease, dhaabbatichi adeemsa fedhii dhaan hojii isaa cufuu akka jalqabu qajeelfama kennuu isaa Ethio Lease, ibsa baaseen beeksisee jira.

Ethio Lease tarkaanfii kana fudhachuu jalqabuu isaa ennaa ibsu, baankiin biyyoolessaa bara 2021 keessa fooyya’insi inni taasisee fi hojii isaa daldalaaf qajeelfamni inni baase wulii haaraa akka hin mallatteessine isa taasise jedhee jira.

Fooyaa’iinsi sun walii galteen wulii martinuu qooda sharafa biyya alaa kafaltii dhaabbataan matinuu qarshii Itiyoophiyaan akka ta’u murteesse. Kafaltiin taasisamus sharafa amma jiruun qarshiii Itiyoophiyaan akka ta’u murtaa’ee jedha dhaabbatichi.

Fooya’iinsi taasisamee fi qajeelfamoonni biroon kampanileen alaa qarshii Itiyoophiyaa akka hin liqeeffanne taasisuu dhaan dhaabbatichi biyya alaa kun biyyattii keessatti hojii akka hin hojjenne isa taasise jechuun ibsee jira. Ethio Lease fi abbootiin qabeenyaa itti fufiinsaan yaalii taasisanis, mootummaa Itiyoophiyaa waliin furmaata irra ga’uu hin dandeenye. Bulchaan baankii biyyoolessaa illee deebii kennuuf tole hin jenne jedha gabaasi madda oduu Rooyiters kun.

Eeyamni yeroo sanatti kenname muummichi ministeeraa Abiy Ahimed aangootti ennaa dhufan waggaa tokko dura fooyeffama isaan waadaa seenan keessaa tokko ture.

Eeyamni Ethio Lease meeshaalee wal’aansa fayyyaa kanneen akka MRI, Tiraakterootaa fi meeshaalee lafa qotuuf oolan kampanilee sababaa hanqina sharafa alaatiin biyyatti galchuu hin dandeenyeef akka kireessu isa dandeessisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG