Paartiin biyya bulchu kan Itiyoophiyaa paartilee morkattoota siyaasaa waliin dubbachuu dhaaf waltajjiin banaa dha jechuun beeksisee jira. Paartileen morkattootaa yeroo hedduu sababaa labsiin muddamaa labsamuuf sochiin keenya murtaa’aa waan ta’eef akka barbaannutti hojjechuu hin dandeenye jechuun komii dhiyeessanii jiran.
Paartiin biyya bulchu rakkoo biyyattii ilaalchisee paartilee morkattoota siyaasaa waliin mari’achuuf yeroo mara qophee dha jechuun beeksisee jira. Itti gaafatamaan waajjira quunnamtii uummataa kan paartichaa Fediilaa Abbaabiyyaa gabaasa keenya kaleessaa irratti paartileen morkattoota siyaasaa komee dhiyeessan ilaalchisee har’a VOAf ibsa kennaniin, paartiin biyya bulchu rakkoolee jiru marii dhaan hiikuuf fedhii qaba jedhan.
Hoogganoonni paartilee siyaasaa walitti bu’iinsawwan biyyattii keessaa fi sana hordofee kan ba’u sababaa labsii yeroo muddamaan kan ka’e, sochiin keenya murtaa’era yoo jedhan, itti gaafatamtuun waajjira quunnamtii uummataa garuu, rakkoolee labsiin sun akka ba’u taasisan furuuf waliin haa hojjennu jedhan. paartileen kun waltajjiin siyaasaa dhiphate jechuun komii dhiyeessaniif illee itti gaafatamtuun kun yoo deebisan, waltajjiin sun hanga eegame bal’achuu dhiisuu mala garuu damee sana ilaalchisee isa yeroo kamiinuu caalaa haala fooyya’aatu jira jedhan.
Forum