Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaramayaan Fayyaa Addunyaa WFPn Akkaataa Raabsii Midhaan Itiyoophiyaa Ilaalchisuun Ulaagaa Haaraa Lafa Kaa’e


FAAYILII: Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa
FAAYILII: Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa

Sgantaan Nyaata Addunyaa (WFP) mala hojii Ityoophiyaa keessaa haaromfame hojiirra oolchaa kan jiru yoo ta’u, tarkaanfii guddaa kun erga ji’a Waxabajjii bara 2023 as yeroo jalqabaatiif gargaarsa nyaataan namoota miliyoona 3.2 bira ga’uu kan jalqabu ta’uu ibsameera. WFPn gargaarsa midhaan nyaagaa guutuu biyyattii keessaa kan adda kuta jalqaba bara kanaa irratti gargaarsi ergamu maqsamuu isaa hordofee ti.

Kunis hojii WFP kan Itiyoophiya akeessaa iftoomiina qabaachuu, ragaa fi walabummaa hojii irratti gamaaggama hundaa’eeni. Adeemsi WFP inni haaraan bal’inaan yaaliin kan taasisame eegumsaa fi to’annaa cimaa irratti kan hundaa’ee dha. Daayirikterittii ol aantuun WFP Sindii McCain akka jedhantti garee fi michoonni keenya qabxii kana irra ga’uuf boqonnaa male hojjetaa turan.

Kunis mootummaa fi michootaan kan deggerame yoo ta’u, deggersa gargaarsa namoomaa biyyattii keessaaf ulaagaa haaraa lafa kaa’ee jira. Yeroo ammaa guutummaa dhaan gargaarsi midhaanii guutummaa dhaan lammiiwwan Itiyoophiyaa kanneen utuu hin argatin yeroo dheeraaf turaniin ga’uu dha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG