Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hospitaala Gaazaa Gama Kaabaa Keessatti Walwaraansa Jabaatu Gaggeeffamaa Jira


FAAYILII: Lammiiwwan Faalisxiin hospitaala Indooneshiyaa kan Gaazaa Kaabaa bakka haleellaan Israa'el itti geggeessitetti namoota lubbuun darbe ennaa barbaadan.
FAAYILII: Lammiiwwan Faalisxiin hospitaala Indooneshiyaa kan Gaazaa Kaabaa bakka haleellaan Israa'el itti geggeessitetti namoota lubbuun darbe ennaa barbaadan.

Gaazaa Kaabaa naannoo Hospitaala Indooneeshiyaa tti lola cimaan har’a mudatee jira. Kunis Israa’el Haamaas irratti tarkaanfiin fudhattu itti fufuu isaan ta’un ibsamee jira.

Dhaabatii oduu Asoosheetid Prees ministeera fayyaa Hamaasiin geggeeffamu fi hojjetaa tajaajiila fayyaa dhaabbaticha keessa jiru tokko wabeeffachuun akka gabaaseetti, dhukaasni Hospitaala Indooneeshiyaa gamoo lammaffaa rukuteen namoonni 12 du’aniiru. Waraanni Israa’el irraa kana ilaalchisee yaadni kenname hin jiru jedha dhaabatii oduu kun.

"Indooneeshiyaan haleellaa Israa'eel Hospitaala Indooneeshiyaa isa Gaazaa irratti raawwate, kan lammiilee nagaa hedduu galaafate jechuun cimsitee balaaleffatte. Haleellaan kun ifatti sarbama gargaarsa namoomaa idil-addunyaati jette."

Gaazexeessitoonni 48 Onkoloolessa 7 irraa eegalee Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru jedha Koreen nirga Gaazexeessitoota falmuu fi Niiw Yoork keessa jiru CPJn ibsee jira.

Israa'el waan akka bo’oo kan hidhattoonni Falasxiin hospitaala Shifaa jalatti qotan ittiin jette viidiyoo isaa maxxansitee jirt. Hamaas himannaa kana haalee jira.

Daa'imman yeroon isaanii ituu hin ga’iin dhalata 31 Hospitaala Shifaa keessaa Dilbata kaleessaa baafaman,kunuunsaaf Masrii ga’uun isaanii sabaa himaan Masrii gabaasee jira.

Waraanni Israa’el akka jedhutti, lola naannoo Gaazaatti geggeeffameen loltoonni ka biroon shan ajjeefamuu isaanii ibsuun, erga waraanni kun jalqabee as lakkoofsi loltoota Israa’el achitti du’anii gara 64tti ol guddachuu isaa ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG