Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Yeroo Jalqabaaf Miseensota Daayaasporaa Finfinnee Jiraatan Waliin Marii Taasise 


ETHIOPIA/ ENDC DIASPORA
ETHIOPIA/ ENDC DIASPORA

Komishinni marii guutuu biyyaa kan Itiyoophiyaa , Miseensoota Daayaaspooraa Finfinnee keessa jiraatan waliin marii jalqabaa gaggeessee jira.

Naannoo adda addaatti gaaffii isaanii Komiishiina kanatti akka dhiyeessan jajjabeessaa jirra jedha komishiniin kun. Kana malees lammiwwan Itiyoophiyaa biyyoota alaa keessa jiraatan, qaama deemsa marii kanaa akka ta’an ibsamee jira.

Miseensonni hawaasa diyaaspooraa kan Itiyoophiyaa, Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itoophiyaa, dhiibbaa mootummaa irraa walaba ta’ee akka hojjetu gaafataniiru.

Walgahii galma magaalaa Finfinnee keessa jiruutti, hawaasa diyaaspooraa Itoophiyaa waliin sochii komishinichaarratti mari'achuuf, Sambata darbe qopheesseen, hirmaattonni, komishinichi rakkoo biyyattii hiikuu keessatti gumaacha gochuu yoo barbaade, of danda'ee akka socho'u gaafataniiru.

Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itoophiyaaf Komishinarri olaanaa kan ta’an Piroofeesar Mesfin Araayyaa gama isaaniitiin, komishinichi qaama mootummaa kamirraayyuu walaba waan ta'eef, paarlaamaa Itiyoophiyaa qofaaf itti gaafatamummaa qaba jedhan.

Akkasumas komishinichi hawaasa diyaaspooraa karaa adda addaatiin hirmaachisuu kan eegale ta’uu fi gara fuulduraattis hirmaachisuun kan itti fufu ta’uu hubachiisaniiru jechuun Gabra Nikaa’el Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG