Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaa Keessatti Namoonni Kuma Kurnaan Lakkaawaman Rooba Jabaa, Lolaa Bishaanii Fi Sigigigaachuu Lafaan Miidhaman


Faayilii: Lolaa keenyaa Keessaa
Faayilii: Lolaa keenyaa Keessaa

Keeniyaan Dilbata kaleessaa akka jettetti, Guutuummaa Keeniyaa keessatti, namoonni kuma kurnaan lakkaa’aman rooba jabaa, lolaa bishanii fi sigigaachuu lafaatiin kan miidhaman ta’u, kunis tajaajila fe’umsaa buufata doonii Mombaasaatti gaggeeffamu addaan kutuu biyyattiin Dilbata kaleessaa ibsitee jirti.

Torbanneen darban keessa rooba cimaa kan haala qilleensaa El Nino waliin walqabatee roobeen lubbuu namoota kurna hedduu galaafate, kunis kutaalee Keeniyaa adda addaa keessatti yoo xiqqaate namoota 46 dabalata.

Itti aanaan pirezidaantii Rigaatii Gaachaaguwaa Keeniyaa keessatti yoo xiqqaate maatii kuma 80 ta'an rakkoo roobaa kanaan kan gaaga’aman yoo ta’u, ''guyyaa guyyaan lakkoofsi isaanii dabalaa dhufeera'' jedhan.

Mootummaan namoota lubbun baraarsuuf deebii kennaa kan jiru yoo ta’u, Heeliikoptaraa fi gargaarsa tajaajiila hatattamaa maatii miidhamanii dhaqqabsisaa jira.

''Haalli kun lubbuu namaa irratti soda uumuu itti fufeera,'' jechuun ibsa Dilbata kaleessaa baaseen beeksisuun, ummanni bishaan lolaa irraa fagaachuu fi kanneen manneen naannoo gadi jedhaa jiran keessaa akka bahan dhaamaniiru.

Roobni yeroo dheeraaf roobe kun kurmaana jalqabaa bara dhufuutti akka dheeratu eegamaa jedhan.

Dhaabbanni tola ooltummaa Biriteen Save the Children jedhamu Kamisa darbe akka jedhetti, sababa lolaa bishanii lafa balali’aa mudateen daa’imman 16 dabalatee namoonni 100 ol lubbuun isaanii darbuu fi kuma 700 ol ta’an Keniyaa somaaliyaa fi Itiyoophiyaa keessatti, mana isaaniitii ba’uuf dirqamuu isaanii ibsaniiru.

Lakkoofsi namoota sababa rooba cimaa fi lolaa bishaaniin Somaaliyaa keessatti buqqa’anii “torban tokko keessatti dachaa lamatti dhiyaatee” kuma 649 ga’eera jechuun dhaabbati gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii OCHA lakkoofsa isa haaraa Dilbata darbe baaseen ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG