Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hamaas Namoota Butee Fudhate Keessaa Haga Tokko Akka Gad-Lakkisuuf Jiru Ibse


Maatiiwwan namoonni duraa dhabaman suraa miseensota Maatii isaanii Tel Aviv keessatti ennaa maxxansan
Maatiiwwan namoonni duraa dhabaman suraa miseensota Maatii isaanii Tel Aviv keessatti ennaa maxxansan

Mootummaa Israa’elii wajjin kan lola irra jiru gareen Palaastaayin Hamaas namoottan Onkololessa 7 bara 2023 Israa’eel keessaa umnaan butee fudhate amma tokko gadi diisuudhaaf waligaltee irraa gahamuu isaa hogganaan Hamaas ibsuun isaanii gabaasamee jira.

Jaarsummaa mootummaa Kaatariin dursamu dhukaasaa dhaabuu, haala gargaarsa namoomaa mijeesuu fi namoottan butamann gadi dhiisuu irratti xiyyeeffate taasifaamaa akka jiruu fi waliigaltee irraa gahamuuf deemamaa kan jiru ta’u isaa kan ibsan hogganaa Hamaas Ismaa’el Hayiyeh akka ta’an ibsamee jira.

Waliigaltee kana keessattis hidhamtootaa lammi Palastaayin Israa’eliin qabamanii jiran hiiksisuuniis akka jiru gabaasameeraa.

Maddaawwan oduu Yuunaayitid Isteets akka jedhanitti, namoottan Hamaasiin qabamanii jiran 240 keessaa yoo xinnaate namoonni Shantamnii Ijoollewwanii fi dubartoonii gadi dhiisamanii garaa Israa’elitti deebi’uu danda’u.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden dhimma kana irratti wixata kaleessaa ibsa kennaniin namoottan butamanii fudhataman gadi dhiisuu irratti dhiheenyatti waliigaltee irra akka gahamu himanii jiru.

Dhimma kana irratti gamma Isiraa’eliin wantii addaan bahee ibsame amma ammaatti hin jirau. Yemmuu waraanni Israa’el tarkaanfii isaa gara Gaazaa kibbaatta dheereffachuu itti fufee jiru kanatti, namoottan butaman 240 ta’n keessaa Hamaas Afur gadi dhiisee, tokko loltoonni Israa’elii baraaranii , lamma immoo du’anii argamuun isaanii beekameera.

Haleellaa waraanni isaraa’el raawwateen kan ka’ee dhaabbilee fayyaa midhaman keessaa tokko kan ta’e Hospitaala Indooneejiyaa keessaatti namoottan waldhaanamaa turan 600, hojjaattoonni fayyaa 200 fi namoottan jireenyaa isaanii irraa buqqa’an 2000 kibba gaazaa keessatti daa’oo keessa qubachuun isaanii beekameera.

Kun ittuu kanna jiruu, biyyii Afrikaa kibbaa dhimmaa lola Israa’elii fi Hamaas irratti maryachuudhaaf biyyoottan miseensota garee BRICS jedhamee beekamuu Qibxataa har’aafi walgahii waamtee jirti. Walgahii kan irratti prezidaantiin Raashaa Vilaadimiir Putiin tooraa Suur- sagaleetiin ni hirmaatu jedhamee jira.

Afrikaa kibbaa irraa torban darbee akka ibsametti, Israa’el lola gaazaa irratti waan yakka waraanaa raawwachaa jirtuuf mana murtii yakka adduunyaatti dhihaachuu qabdii jechuudhaan haanga’onni biyyatti gaafii dhiheesanii jiru.

Haaluma Kanaan walqabatee ministirrii dhimmaa alaa Israa’el ibsa fuulaa Tiwuutar irratti baaseen abmaasaadarri Israa’eel Afrikaa kibbaa keessa jiran ejjannoo mootummaan Afrikaan kibbaa qabu akka ibsan Pritooriyaa irraa gara Iyerusaalemti waamuu isaa beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG