Ministeerii Hojii fi dandeetti Mufriyaat Kaamiil ibsa kennanii akka jedhanitti ,barattoonni kuma 600 ta’an kun kan leenjii seenan akkaataa imaammata baruumsaafii leenjii haaraa ba’eni.
Akkuma Kanaan imaammatiin baruumsa tekinikaa fi ogummaa inni kanna dura amma sadarkaa Shaniitti turee yeroo amma garaa sadarkaa Sadeetitti ol guddatee jira. akkaataa Kanaan barataan amma sadarkaa Sadeettaafaatti xumuree sadarkaa digirii Maastireetin walqixa ta’en akka ebifamuu ibsameeraa..
Bara baajataa Ityoophiyaa kana keessaa bakkaawwan leenjii 1400 keessatti kan barsiisan leenjistoonii kuma 28 sadarkaa naannoo tiif feederaalaa irraati qophaa’uu isaanii Mufriyaati Kaamiil ibsanii jiru.
Dhimma kana irratti sagale Amerikaatiif ibsa kan kennaanfi ogeessaa baruumsaa fi leenjii tekinikaa kan ta’an dokteer Adaanee Abeje naannoo baruumsaa sanaa irratti rakkinii hubannoo akka jiru ibsanii , baruumsichaa irratti waan bu’a qabeessa ta’e hojjachuun yoo barbaadame, hanqinaa tekinoloojii fi dandeetti jaarmiyaaleen leenjii fi baruusaa qaban hiikuun barbaachisaa akka ta’e himaniiru.
Akka lakkoofsa Itiyoophiyatti bara 2015 qormaataa biyyaalessaa kan kutaa 12 barattootaa fudhatan kuma 800 fi kuma 45 keessaa kan carraa mana baruumsaa Sadarkaa ol anaa galuu argachuu danda’an dhibeentaa 3.2 ykn kuma 27 ta’uun isaa isaanii gabaasnii Gebremikaa’el Gebrmediihiin ibsee jira.
Forum