Naannoo Amaaraa keessaa bara 2015/16 keessa hongee mudatetti aansee miidhamtoota miliyoona 1.5 ol ta’aniif gargaarsi midhaan nyaataa raabsamuu komiishinni ittisa balaa fi wabii nyaataa naannichaa beeksisee jira.
Komiishinra kan ta’an Daaqon Tesfaaw Baattaabbil VOAf akka ibsanitti, naannoo sana keessa kanneen jiran gandeen 425 keessatti hongee mudatetti aansee beela dhaqqabeen dhaaboliin kan mootummaas ta’e kan mootummaa hin ta’in gargaarsi isaan taasisan aanaaleef raabsamaa jira jedhan.
Komiishiner Daaqon Tesfaaw akka jedhanitti gargaarsa kana dhibba irraa harki 60 raabsamuu isaa ibsanii kan hafe dhibba irraa hari 40 immoo sababaa rakkoo nageenyaa naannoo sana jiruun kan ka’e ittiin ga’uu hin dandeenye jedhan.
Waggaa makaraatti hanqinni roobaa hongee dhaqqabsiiseen godinaalee 9 keessa kanneen jiran gandeen 425 keessaa uummata mioliyoona 1.8 ol gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaa kan isaan barbaachisu ta’uu komiishinichi beeksisee jira.
Kanneen hongeen miidhaman keessaa godina Gonder kaabaa aanaa Jaan Amooraa bakka jedhamu keessa qonnaan bultoonni jiran VOAf akka himanitti tokko tokkoon isaaniif midhaan kiiloo sahan kennamus kan hin geenye ta’uu ibsan.
Guyyaa kaleessaa dhimmoota naannoo irratti Koroporeeshinii miidiyaa Amaaraaf ibsa kan kennan sadarkaa itti aanaa bulchaa naannootti itti gaafatamaan waajjira qindeessaa dhimmootii bulchiinsaa, nagaa fi nageenyaa obbo Xaasoo Dessaaleny, nageenyi naannoo hanga tokko fooyya’uu isaa dubbataniiru jechuun Aster Misgaanaaw gabaasteetti.
Forum