Gareen hdhattoota Hamaas ji’a darbe Israa’el irratti haleellaa erga raawwatanii booda namoonni ukkaamsamanii butaman, erga Qaxaar walii galtee kan humnoonni Israa’el haleellaa Gaazaa irratti geggeessitu guyyoota afuriif akka dhaabdu labsitee booda kamisa borii gad dhiisamuu malu.
Akka Qaxaar jettetti, Hamaas dubartootaa fi daa’imman 50 kan gadhiisu yoo ta’u, Israa’el ammoo “dubartoota fi daa’imman Falasxiinota manneen hidhaa Israa’el keessatti hidhaman hedduu” ni gadhiisiti jette.
Waliigalteen Roobii ganama labsame kun marii torban hedduu dhaaf Qaxar, Yunaayitid Isteetisii fi Masriin durfamE booda akka ta’e angawaan olaanaa bulchiinsa Yunaayitid Isteetis tokko dubbataniiru.
Akka angawaan kun akka jedhanitti, iggitamtoota Hamaas gadhiisu lammiilee Ameerikaa hedduu ni dabalata jedhamee eegama.
“Waliigaltee kana irra ga’uuf hoggansa murteessaa fi tumsa taasisaniif Sheek Tamim bin Hamad Al-Thani kan Qaxar fi Pirezidaantii Masrii Abdel-Fattah El-Sisi nan galateeffadha,” jechuun prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joe Biden ibsa kennaniin dubbataniiru.
“Akkasumas Muummicha Ministiraa Netaaniyaahuu fi mootummaan isaanii walii galteen kun guutummaatti akka raawwatamuu fi dararaa maatii Falasxiinota Gaazaa keessa jiran salphisuuf gargaarsi namoomaa dabalataa akka kennamu mirkaneessuuf yeroo lolli itti dhaabatu dheeressuu isaanii nan dinqisiifadha” Jedha.
Israa’el Hamaasiin dhabamsiisuuf duula waraanaa kan jalqabde haleellaa Onkoloolessa 7 booda. Israa’el akka jettetti namoonni 1,200 kan ajjeefaman yoo ta’u kanneen 240 ta’an immoo iggitamaniiru. Angawoonni Eegumsa fayyaa Gaazaa akka jedhanitti yoo xiqqaate ijoollee 5,000 dabalatee lammiiwwan Faalisxiin 12,000 ta’an duula waraanaa Israa’el dugdee Gaazaa irratti raawwatteen du’aniiru.
Tokkummaa mootummootaa akka jedhetti Gaazaa keessaa namoota 930,000 kanneen qubsuma tokkummaa mootummootaa keessa jiran dabalatee namoonni miliyoonni 1.7 qe’ee ofii irraa buqqa’aniiru. Hoogganaa imaammata alaa gamtaa Awroooppaa Jooseef Booreliin dabalatee ministriin haajaa alaa Ferensaay Kaartriin Koloonaa, Dubbi himaan Kremlin Dmitrii Peskoof, ministriin haajaa alaa Biriteen Deevid Kameeroon walii galtee kana simataniiru.
Forum