Prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa Israa’eliin Yakka waraanaan himatanii, Prezidaantii Raashaa Vilaadmir Putin fi prezidaantii Chaayinaa Xi Jinpiing waliin marii biyyoota guddataa jiranii irratti gama marsariitiin haasaa geggeessaniin, Gaazaa irratti gocha fixiinsa sanyii fakkaatutu raawwate jedhan.
Ramaafoosaan kan walitti bu’iinsa kana kakaase Hamaasiin Haleellaa inni siivilota Israa’el irratti raawwateefis balaaleffatanii, qaamni lamaanuu seera sadarkaa addunyaa cabsuu dhaan badii dalaganiiru jedhan.
Ramaafoosaan hoogganoota garee BRICS fi wal ga’iin diplomaatota sadarkaa ol aanaa ennaa jalqabamutti haasaa dhageessisaniin Humna seeraan alaa Israa’el siivilota Faalisxiin irratti walitti qabuun fudhatte yakka waraanaa ti jedhan. Jiraattota Gaazaaf beekaa dawaa, boba’aa, nyaataa fi bishaan dhorkuun fixiinsa sanyi waliin qixa jedhan.
Baatii Amajjii keessa wal ta’iinsa kanatti makamuuf kanneen qophaa’an biyyoota garee BRICS keessaa Biraazil fi Hindii akkasumas Saaud Arabiyaa, Arjentiinaa, Masrii, Itiyoophiyaa, Iraan fi hoogganoonni Tokkummaa Emireetota Arabaaa fi angawoonni argamaniiru.
Ramaafoosaan wal ga’ii sadarkaa ol aanaa kana kan geggeessanii fi haasaa jalqabaa kan dhageessian Afriikaan kibbaa dura teessuu BRICS kan yeroo ammaa waan taateef jecha. Afriikaan Kibbaa waraana Israa’el Gaazaa irratti geggeessitu akkaan kan balaaleffataa turte yoo ta’u, yakki waraanaa raawwatamuu isaa ilaalchisee akka qoratamuuf mana murtii yakka kan sadarkaa addunyaatti iyyata galfattee jirti.
Forum