Lola dhaabiinsi yeroo Israa’elii fi Hamaas gidduu jalqabuuf kan jiru ta’uu isaaf iggitamtoota gad dhiisuun gara booda akka ta’u Qataar Kamisa har’aa beeksistee jirti. Walii galteen lola dhaabiinsaa sa’aatilee itti aanan keessa akka xumuramu Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Qataar Majeed Al-Ansaari dubbataniiru.
Gaazaa keessatti kanneen iggitamanii jiran namoonni jalqabaa gad dhiisamuun hanga Jimaata dhuftuutti boodatti harkifateera jechuu dhaan gorsaan nageenya biyyoolessaa Israa’el ibsa Roobii galgala ibsa baasaniin beeksisaniiru. Namoonni kun gad dhiisamuun akka walii galtee jalqabaa qaamotii walii galan gidduu jirutti ta’a malee Jimaata dura miti jechuu dhaan Tzaachii Haneegbii dubbataniii, walii galtee sana irratti mariin itti fufee jira jedhan.
Henegbiin boodatti hafuu isaaf sababaa kennan hin qaban, kanaaf Israa’el haleellaa Gaazaa irratti geggeessitu kan guyoota afrurii dhaabuu yoom akka jalqabdu ifa hin taane. Kunis dursee walii galteevqaama gareelee wal fincilan gidduutti uumamee ti. Lola dhaabinsi sun Kamisa ganama sa’a afuritti hojii irra oolu murtaa’ee ture.
Walii galtee sana Yunaayitid Isteetisii fi Masrii waliin akka geggeessamu kan gargaarte Qataar, Duraan Hamaas dubartootaa fi ijoollee 50 guyyoota itti aanan keessa akka gad dhiisu, Israa’el immoo hidhamtoota Faalisxiiinotaa 150 gad dhiisti jedhamee eegamaa jechuun beeksistee turte.
Kanneen ni gad dhiisamu jedhame keessaa eenyummaan isaanii kan ibsame hin jiru garuu angawoonni Yunaayitid Isteetis akka jedhanitti kanneen Hamaasiin iggitamanii jiran keessaa lammiiwwan Ameerikaa sagal ni gad dhiisamu jedhanii kan amanan ta’uu dubbataniiru. Roobii kaleessaa lolli itti fufee kan oole yoo ta’u, Hamaas gara Israa’elitti Misaayila ennaa furguggisu argamee jira.
Haleellaan tokko gamoo mana jireenyaa Gaazaa gama kibbaa magaalaa Kahaan Younis rukutee ijoollee dabalatee namoonni 17 du’uun yoo gabaafamu, Gaazaa Kaabaa keessaa immoo reeffii namoota 60 fi namoonni lola hamaa sanaan balaan madaa’uu irra ga’e 200 gara hospitaala Kamaal Adwaanitti halkan geessamanii jiran.
Daayirikterichi hospitaalichaa Dr. Ahimed al-Kahaluut TV al-Jazeeraaf roobii kaleessaa akka ibsanitti, giddu galli wal’aansa fayyaa sun jenereeterri akka socho’uuf zayita nyaataa gargaarame jedhan. Hospitaala Gaazaa kan Al-Aqsaa kan giddu galeessa Gaazaa keessaa akka jedhetti reeffi namoota 128 halkan haleellaa sana boda gamasitti yoo fidaman, lakkoobsi kun dacha kan ta’u immoo Kibxata halkan fidamaniiru jedhee jira.
Namoota iggitamanii jiran gad dhiisuu fi araara yeroofii kan of keessaa qabu walii galteen kun kan fooyyeffame, ltorbanneeniif gidduutti adda cite jalqabaa marii geggeessamaa tureef ennaa Gaazaa keessaa lolli dhiiga dhangalaasisu geggeessamaa jirutti.
Forum