Poolisoonni dhibbaan lakkaa’aman qabeenya miseensotaa fi hordoftoota Hamaas Jarman keessatti sakatta’aa kan jiran yoo ta’u, sakatta’iinsi kun harki caalaan isaa Barliin keessatti raawwatama.
Sadaasa 2 mootummaan Jarmanii sochii Hamaas taasisu ykn deeggarsa isa kam irratti iyyuu uggura sirnaa hojii irra oolchee jira. Akkasumas garee Samidoun kan haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwate Barliin keessatti kabajame duuba ture ugguree jira. Ministirri Biyya Keessaa Jarman Naansii Faayizar akka jedhanitti, Jarman keessaa Hamaas fi Saamidoon ugguruun shororkeessummaa gara jabinaa Hamaas Israa'el irratti raawwatuuf deeggarsa kamiyyuu akka nuti hin qabaanne mallattoo ifafa dha jedhan.
Ministirri Biyya Keessaa Jarman Naansii Faayiser, ''tarkaanfii wal irraa hin cinne leellistoota Islaamummaa irratti fudhannu itti fufna jedhan.
Tajaajilli basaasa biyya keessaa Jarmanii akka tilmaametti Hamaas biyyattii keessatti miseensota naannoo 450 qaba. Hojiin isaaniis ibsa mararfannaa irraa kaasee hanga hojiiwwan faayinaansii fi maallaqa walitti qabuutti kan argamu dha jedha ibsi Associated Press.
Weerari kun uggura tolfame hojii irra oolchuu akkasumas qorannaan dabalataa garee kana irratti akka geggeessamuuf jechuu dhaan minstriin dhimma biyya keessaa Jarman ibsa kenneen beeksiseera. Berliin Saaksoonii fi kaaba Raayin Westfaaliyaa fi Shilaaswiig-Holisteeyin keessaa walumaa gala qabeenyaaleen 15 sakattamaniiru. Berlin keessaa poolisoonni 300 ol ta’an ragaalee fi qabeenyaa qabachuuf jecha bakka 11tti sakata’iinsa geggeessaniiru. Kanneen keessaa 7 Hamaasiin kan wal qabate yoo ta’u 4 immoo Samidoon waliin kan wal qabate ture.
Forum