Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Mootummaa fi WBO Waliigaltee Malee Xumuramuun Abdii Keenya Dukkaneesse Jedhu Buqqaatonni


NAANNOO AMAARAA
NAANNOO AMAARAA

Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa keessatti yeroo yerootti walitti bu’iinsa uumamaa tureen manaa fi jireenya isaanii irraa buqqa’uun, bulchiinsa nananoo Amaaraa keessa kanneen jiran, mootummaa fi WBO giddutti marii nagaa gaggeeffamaa ture milkaa’iina tokko malee xumuramuu, abdii qaban dukkaneessuu isaa dubbatan.

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2011 kaasee buufata dahaannaa keessaa fi hawaasatti makamanii buqqaatonni jiraatan kun, marii nagaa kun waan gaarii fidee isaanis, qe’e itti dhalatanii guddataniitti deebi’uun hojii misoomaa isaanti deebi’uuf abdii godhatanii akka turan ibsuun, mariin gaggeeffame milkaa'uu dhabuun immo, yeroo itti deebi’an irratti dhiibbaa akka qabaatu ibsan.

Hiikii jireenyaa nagaa dha kan jedhan yoo ta’u, adda addummaa isaan gidduu furanii walii galtee tokko irra ga’uuf, mariif gad taa’uu itti fufuu qabu jechuun waamicha dhiyeessan.

Bulchiinsa naannoo Amaaraatti itti aanaa itti gaafatamaan waajiira Komunikeeshinii Obbo Wandwasan Laggasaa jarreen kana qe’e isaanti deebisuuf irratti hojjatamaa jira jechu isaanii Asteer Misgaanaawuu Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG