Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Finfinnee Tajaajiila Waajiraalee Mootummaa 7 Bakka-bu’ummaan Damee Dhunfaatti Dabarsuuf Jira.


Finfinnee
Finfinnee

Bulchiinsii magaalaa Finfinnee waajiira mootummaa 7 keessa kan jiran, tajaajiila 24 warra dame tajaajiila dhunfaa irratti bobba’aniif bakka bu’ummaan dabarsee kennuuf murteessuu isaa beeksisee jira.

Bulchiinsii kun murtii kana irra kan ga’e, tajaajiila dhaabbattoota mootummaan kennamuu foyyeesuuf ta’u, waajiira Kantiibaatti, itti gaaftamaa dame deggersaa fi hordooffii kan ta’an, Dr. Xaasaw Gabree sagalee Amerikaatti ibsanii jiru.

Kana gochuun mootummaan waajiiroota keessa deemsa hojii gaarii hin taanee dhabamsisuu barbaada jedhanii, akkaataan hojii akkasii, baasii mootummaas akka haanqiisu dubbatan.

Gama kaaniin, dhimmi kana irratti yaada qaban kan ibsan yunivarsitii Finfinnee keessaa barsiisaa kan ta’an Dr Caalaa Haambisaa akka jedhanti, tajaajiila mootummaa dame dhunfaaf bakka bu’ummaan kennuun, Itiyoophiyaa keessatti baratamaa dhufuu ibsuun, garu deemsii kun of-eeggannoo kan barbaadu ta’u ibsan.

Waan Bakka bu’ummaan dabarfamanii kennaman, dameen dhunfaa tajaajiila foyya’aa kan kennuu fi sanaafis humna isaa akka qabu, mootummaan of-eeggannoon ilaaluu qaba jechi isaanii Gabra Mikaa’el Gabra Madhin Finfinne irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG