Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajirri Tokkummaa Mootummootaa Ka Naannoo, Seeneegaal Keessatti Baname


FAAYILII: SENEGAL
FAAYILII: SENEGAL

Waajjira muummee kutaaf hundeeffame kan Tokkummaa Mootummoota, magaalaa galma mootummaa seeneegaal Daakaar keessatti argamu, Pirezidaantiin Senegaal Mackii Sall Kamisa kaleessaa kan eebbisan yoo ta’u, hojiiwwan Tokkummaa Mootummootaa biyyattii keessatti gaggeessu mara akka qabatu dhaabbatii oduu Ajaans Fraans Prees gabaasee jira.

Waajitti Tokkummaa Mootummootaa kun, lafa hektaara 13 (ekeraa 32) irratti kan argamu yoo ta’u, magaalaa haaraa Diamniadio jedhamtu Daakaar irraa gara kiiloo meetira 30 fagaattee kan argamtuutti argama.

Kutaalee bal’aa kan Afrikaa Dhihaa fi Giddugaleessaa keessa jiraniif kan tajaajiiluu ta’uun ibsamee jira.

Waajirri guddaan kun dhaabbilee Tokkummaa Mootummoota 34 kan amma teessoo isaanii Senegaal keessa ta’e fi hojjettoota isaanii 2,400 kan of keessaa qabu ta’uu qindeessitoonni sirna eebba kanaa ibsaniiru.

Hojiin pirojektii kanaa -- dhaabbata dhuunfaa Senegaal tokkoon bara 2019t baasii Doolaara miiliyoona 200 fi miliyoona 91n ijaarame.

"Ejensiiwwan Tokkummaa Mootummoota 34 kanneen Senegaal keessa jiraatan, keessumaa Daakaar keessaa, "hojii isaaniif haala mijeessuuf bakka gaarii fi mijaawaa ta'e" dhiyeessuu barbaanne, jechuun maakii Sall sirna kana irratti dubbataniiru.

Magaalaan haaraan Diamniadio waggoota saddeet dura Sall'n kan eebbifamtee yoo ta'u, kunis dhiphina tiraafikaa Daakaar keessatti uumame salphisuuf ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG