Tajaajjilli Oduu Somaaliyaa Snbata darbe kana akka gabaasatti balaa lolaa mudatee jiru kanaan namoonni 96 lubbuun darbuu Ejeensii sodaa balaa biyyattii wabeeffachuun mirkaneesseera.
Rooba cimaa ji’a Onkoloolessaarraa jalqabee gaanfa Afiriikaatrti Roobaa jiruun biyyoonni gaanfa Afiriikaa Somaaliyaa dabalatee balaa hamaaf saaxilamaniiru. Ka’umsii Rooba cimaa kanaas haala jijjiirama qilleensaa EL Ninoo jedhamuun beekamu kan Garba Indiyaa irraa ka’uun kan dhufedhas jedhameera.
Akka gabaasa Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti hanga ammaatti balaa lolaa kanaan Somaaliyaa keessatti namoonni 700,000 ta’an qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru. Kunis rakkoo gargaarsa namoomaa durumaanuu bakka sana tureeru daran hammeessuus dhaabbanni mootumoota Gamtoomanii ifoomseera.
Hoggannaan Fannoo Diimaa Somaaliyaa Paaskaal Kutaat ammayyuu balaa hamaan xumura hin arganne jedhanii jijjiirama qilleensaa El Ninoo kan garba Hindii irraa ka’ee dhufuunii fi baddaawwan Itiyoophiyaatti ammayyuu Rooba cimaa walitti fufinsaan roobaa jiruun rakkoon gama kanaan nu mudachuu malu amayyuu xumura hin argannedha jedhan.
Akka gabaasa dhaabbata Fannoo Diimaatti biyya Ollaa Keeniyaattis rooba cimaa roobeen balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 76 darbeera.
Forum