Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministirri Haajaa Alaa AmeerikaaAntonii Biliinkan Yaa’ii Ministiroota haajaa alaa NATO irratti hirmaachuuf Gara Biraasiilsitti Imalan.


U.S. Secretary of State Blinken travels to Brussels
U.S. Secretary of State Blinken travels to Brussels

Wal ga’iin Ministiroota haajaa alaa biyyoota NATO alanaa sadarkaa Ministirootaatti mana maree NATO fi Yuukireen isa jalqabaa kan ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi irratti argaman kun. Wal ga’ii kanarratti Antenii Biliinkeen NATO’n weraara fi waraana Raashiyaan Yuukireen irratti raawwattuuf kutannoo cimaa akka qabu ni ibsa jedhamee eegama.

Keeyiiv Sanbata darbe kana Halleellaa isa guddaa jedhamu Raashiyaan Dirooniin irratti raawwattatteetti. Akka Yuukireen beeksiifteetti Raashiyaan yeroo 75 haleellaa Diroonii irratti raawwatte keessaa kanneen 74 ta’an Meeshaalee Diizzaayinii Iraaniin hojjetamaniin turtii sa’aatiiwwan ja’aaf irratti raawwatamuu himteetti.

Yuukireen Torbanoota darbe keessa Raashiyaan bu’uuraalee misoomaa irratti kan xiyyeeffate haleellaa raawwachuuf akka jirtu akeekkachiistee ture.

Mootummaan Biriitish Ibsa baaseen Raashiyaan Galaana Gurraacharratti doonii Yuukireen midhaan nyaataa fe’eeru kan waggaa tokkoof namoota miiliyoona tokko nyaachisuu danda’u ji’a kana keessa haleeltteetti jedheera.

Halleellaa kanarraa darbuun Yuukireen Ji’oota Onkoloolessaa fi Sadaasaa keessa qofaa midhaan nyaataa Toonii miiliyoona 1.5 gara alaatti erguu fi kanneen keessaas miidhaan tooniin 700,000 qamadii ta’uu itti aanaan ministira diinagdee Yuukireen ifoomseera.

Biliinkeen yaa’ii Ministiroota haajaa alaa NATO alanaa irratti Yuunaayitid Isteetsi deeggarsa dimookiraasii fi tasgabbii naannoo Balkaan lixaaf dura kennuun yaa’ii Waashingatanitti ji’a Adooleessaa bara 2024 tti taa’amuuf xiyyeeffannoo ni kennus jedhameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG