Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Gareen Riphee Hidhata Lolaa Al-Qaida Qabu Burkinaafaasoo Keessatti Namoota 40 Galaafachuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise


FAAYILII: Mooraa Namoota Jiiboo Keessatti qe'ee ofii irraa buqqa'an Kan Jiiboo Burkinaa Faasoo samii irraan ennaa argamu Caamsaa 26, 2022.
FAAYILII: Mooraa Namoota Jiiboo Keessatti qe'ee ofii irraa buqqa'an Kan Jiiboo Burkinaa Faasoo samii irraan ennaa argamu Caamsaa 26, 2022.

Gareen leellistummaa Islaamummaa al-Qaidaattii hidhata qabu xumura torban darbee magaalaa waraanaan bututte kan kaaba Burkinaa Faasoo gama kaabaa qabachuuf yaalii godheen siivilonni kan galaafate yoo ta’u, Tokkummaan mootummootaa fi gareeleen mirga namaa haleellaa sanaan yakka waraanaa ittiin jedhanii jiran.

Walitti bu’iinsa hamaa waggoota darban keessa biyya Afrikaa Dhihaa loltoota al-Qaayidaa fi garee IS hidhata qabaniin balaa irra ga’e keessatti, loltoonni baay’een naannoo daangaa Maaliitti dhiyoo kan jiru Jiboo to’achuuf yaalaniiru jedha gabaasi Associated Press.

Magaalaan magaalaa guddoo biyyattii Owagaaduuguu irraa fageenya kiiloo meetira 210 irratti kan argamtu yoo ta'u, waggaa tokkoo oliif finciltootaan uggura keessa kan turte yoo ta'u, yeroo baayyee tajaajila barbaachisaa ta'e kennuu dhaaf rakkachaa turte.

Hidhattoonni haleellaa dhiyeenyaa kan Dilbata darbe raawwataniin namoota 42 madeessuun mooraa namoonni qe’ee ofii irraa buqqa’an keessa jiraatan sadiitti ibidda qabsiisuu isaanii dubbi himaan Waajjira Mirga Namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa Seefii Magaangoo ibsa Kibxata darbe kennaniin beeksisanii haleellaa kanaaf gamtaa gareelee hidhattootaa kan al-Qaidaattii hidhata qabu JNIM himataniiru.

Siivilota walitti bu’iinsa keessaa harka hin qabaanne irratti beekaa fuuleffachuun yakka waraanaa ti jechuu dhaan Tokkummaan mootummootaa hojjettoota isaa gamas jiran wabii godhachuun ibsa kenneen beeksisee jira.

Associated Press namoota naannoo sanaa lubbuun hafan sababaa yeroo hedduu interneetiin addaan cituu fi bakka waraanni mootummaa hawaasa sivilii irratti tarkaanfii fudhachuun beekamuuf jecha dhaqqabuu hin dandeenye.

Televiiziyoona mootummaa RTB jedhamu kan APn dhuunfaan mirkaneessuu hin dandeenye, namoonni hedduun haleellaa jalaa dheessuu isaanii suraa mul’isu agarsiisee jira. Tokkummaan Mootummootaas haleellaan hatattamaan dhaabatee kanneen itti gaafataman murtiitti akka dhiyaatan ibsa kenneen beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG