Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa fi Faannoon Mariif Akka Wal Argan Yaalaan Jira Jedha Paartiin Mormituu ABIN


FAAYILII: ASXAA ABIN
FAAYILII: ASXAA ABIN

Paariin mormituu Sochiin biyyoolessaa Amaaraa ABIN Wixata darbe ibsa baaseen, walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessatti geggeessamaa jiruun miidhaan namoomaa fi qabeenya irra ga’aa jiru kan isa yaaddessu ta’uu ibsee jira. Humnoonni naga eegumsa mootummaa fi hidhattoonni Faannoo gara mariitti akka deebi’an, miidhaa dhaqqabeefis itti gaafatamummaan akka jiraatu, dhukaasi hatattamaan akka dhaabatuu fi daandiiwwan cufaman banamanii sochiiwwan hawaasummaa fi dinagdee akka jalqabu gaafatee jira.

Itti gaafatamaan hariiroo uummataa paartichaa obbo Xaahir Mehaammed akka jedhanitti, paartichi murtii akkasii irra kan inni ga’e lola sanaan uummata miidhamaa jiru yaaduun akka ta’e Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Paartiin isaanii walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessaa mariin akka hiikamu illee yaalii gochaa kan jiru ta’uu obbo Xaahir itti dabaluun ibsaniiru. Walakkeessa baatii Adoolessaa qabee miidhaaleen namoomaa fi qabeenyaa hedduun kan raawwatan ta’uu kan eeran obbo Xaahir, miidhaa dhaqqabeef itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u illee gaafataniiru.

Sabatiinsi naannicha keessaa dhabamuun sochiiwwan hawaasummaa fi dinagdee irratti dhiibbaa inni fide paartii isaanii ABINn kan yaaddessu ta’uu illee obbo Xaahir ibsanii jiran.

Torbee Godina Walloo Kibbaa Ambaaselii fi aanaalee Saayint keessatti walitti bu’iinsa uumameen manneen barnootaa hojii jalqabanii turan kanneen 50 ta’an akka cufaman VOAn kan dubbise namoonni aanichaa yaada kennan dubbataniiru.

Waamicha nagaa ABIN kan ilaalchisuun hoogganni sadarkaa ol aanaa kan naannoo Amaaraa deebii akka kennaniif carraaqqiin ta’us naannolee adda addaa irratti wal ga’ii irra akka jiran waan himameef hin milkoofne.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed guyyoottan darban keessa miseensota mana maree bakka bu’otaa uummataa biraa gaaffii ka’eef ennaa deebii kennanitti, Itiyoophiyaa keessa humnoonni hidhatanii socho’an meeshaa lafa kaa’anii gara mariitti akka dhufan waamicha gochuun isaanii ni yaadatama jechuu dhaan Mesfin Araagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG