Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Haadiyaa eessa Kanneen Jiran Barsiistonni 600 Ol Ta’an Mindaan Isaanii Adda Cite Ture Kaffalamuufii Jalqabuu Ibsanii Jiru.


Magaalaa Hawaasaa
Magaalaa Hawaasaa

Naannoo giddu galeessa Itiyoophiyaa Godina Haadiyyaa bulchiinsa mgaalaa Sonee keessaa mindaan kan addaan cite ture barsiisota 697 mindaan isaanii guutgummaan kan kaffalameef ta’uu Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Bulchaan aanaa Baadiwaachoo fi barsiistonnis mindaan isaanii kaffalamuu jalqabuu ibsaniiru.

Mindaa isaanii baatilee hedduuf waan hin arganneef rakkoo fi dararaa hamaa dabarsine jechuu dhaan barsiistonni kun haala dabarsan dubbataniiru. Itti fufiinsaanis mindaan isaanii yeroo dhaan kaffalameefii hojii isaanii fi itti gaafatama oguma isaanii ba’uu akka barbaadan dubbataniiru.

Itti gaafatamaan wajjira barnoota naannoo obbo Anteneeh Befeqaaduu, rakkoon sun naannoo sana godinaalee hanga tokko keessa jiraachuu amananii, sababaa hanqina bajataa fi sababaalee wal qabataniin kan uumame ta’uu ibsuu dhaan, rakkoo mindaa ilaalchisee jiru furuuf itti gaafatamtoota waajjiraalee godinichaa waliin mari’achaa jiraachuu sagalee Ameerikaaf ibsuun isaanii ni yaadatama.

Gama biraan prezidaantiin waldaa barsiisota Itiyoophiyaa Dr. Yohaannis Bantii torbanneen dura VOAF akka himanitti, barsiistonni rakkoo isaan mudateef mootummaan furmaata hatattamaa akka kennu yaadachiisaniiru jedha gabaasi Yonatan Zebidiwoos Hawaasaa irraa erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG