Gaanfa Afrikaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis ka tahan Ambaasaddar Maayik Hamar, Koree Dhimmma Alaa Kan Mana-maree Bakka-bu’ootaa jalatti, Birkii Dhimmoota Afrikaa irratti dhimma Itiyoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennanii jiran.
“Haalli Ityoophiyaa abdii-qabeessa moo balaa-qabeessa?” mataduree jedhu jalatti ibsa har’a kenname irratti Ambaasaddar Maayik Hamarii alatti, Dhaabbata Misoomaa Idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis yokaan USAID’tti bakka-bu’aa gargaarsaa bulchaa damee Afrikaa ka tahan, Taayiler Bekilmaan argamanii ibsa kennanii jiran.
Waltajjii ibsa waa’ee Itiyoophiyaa kana kan hoogganan bakka-bu’aan uumataa kan Mana-maree Yunaayitid Isteetis Ediwaard Joon Jeems haalli nageenyaa yeroo ammaa Itiyoophiyaan keessa jirtu abdii dimookiraasii fi guddina dinagee irratti dhiibbaa uumeera yoo tahe eeranii, quunnamtii Itiyoophiyaan Chaayinaa, Tokkummaa Emeretoota Arabaa fi Raashiyaa waliin qabdu, keessumaa waa’ee Itiyoophiyaan dhiheenya kana garee BRICS jedhamutti dabalamuu eega dubbatanii booda, mootummaan Itiyoophiyaa gargaarsa Yunaayitid Isteetis barbaaduu fi gama biraan Chaayinaa fi Raashiyaatti gaaffii kaasanii jiran.
Miseensii Mana-maree Yunaayitid Isteetis ka biraan Saaraa Jakobsen gama isaaniin walwaraansa Tigraay keessa tureen wal-alqabatee sarbiinsaa mirga namoomaa rawwatameef
Haalli haqa cehumsaa maal irra akka jiruu fi yeroo hojii garee ogeeyyii Koomishina Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii dheeressuu yokaan haaromsuu dhiisuus kaasanii gaaffii dhiheessanii jiran
Gaaffiilee dhihaatan irratti deebii kan kennan Maayik Haamer haalli mirga namoomaa Tigiraay keessa jiru fooyya’insa agarsiisuu isaa ibsanii, dhimmii waraanaa mootumma Ertiraatiin walqabatee jiruu fi dhimmaa daangaa naannoo Amaaraatiin walqabatee jiru akkaataa waliigaltee Pritooriyaatti mallatteessameen deemaa jiraachuu irratti ammas gaafiin jiraachuu ibsan.
Rakkinni nageenyaa naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa jiru nageenyaa biyyatti fi guddinaa dinagedee irratti dhiibbaa qabu ibsanii gareen kamiyyuu afaan qaweetiin rakkina hiikuu waan hindandeenyeef gara marii nageenyaatti akka deeman Yunayitid Isteetis akka hojjetaa jirtu eeran.
Gargaarsaa namoomaa USAIDn taasisaa jiru ilaalchisuudhaan kan ibsa kennan Taayiler Bekelmaan gargaarsi namoomaa sababaa itti fayyadama sirrii hin taaneen erga addaan citee turee booda deebi’ee jalqabamu isaa ibsanii, waliigalteen amma taasifamee kan waggaa tokkoof turu ta’uu isaa himanii, Yunaayitid Isteetis Ityoophiyaa keessaati akka kufaatiin diinagdee hin uumamne gargaarsaa ishee akka itti fuftu ibsaniiru. Yeroo ammaa haalli naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiru mijataa waan hin taaneef gargaarsa namoomaa taasisuun rakkisaa ta’uu isaa ibsan. Waa’een fayyadama buufata doonii Galaana Diimaa fi hidha Llaga Abbayyaa ilaalchisee walitti dhufeenyii mootummaa Masrii fi Sudaan gidduu jiru marii kana irratti dhimmootan ka’an keessaa ti, jedhan. Dhimma kana irratti boor gabaasaa bal’aa dhiheessina. Nu hordofaa.
Forum