Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina Walloo Kibbaa aanaa Dalaantaa, lafa gara magaalaa Wagal Xeenaa seensisuu irratti, Kamiisa kaleessaa galgala dhukaasa meeshaa wraanaa dhaqqabeen, namoonni 5 ajjeefamuu namoonni ijaan arginee jedhan, sagalee Ameerikaatti himanii jiru.
Haala wal fakkaatuun godiina Walloo Kaabaa aanaalee Laastaa fi Haabruu irratti, dhukaasa meeshaalee gurguddoo dhaqqabeen, namoota nagaa irratti ajjeechaa fi miidhaan qaamaa dhaqqabuu jiraattonni ibsanii jiru.
Gama kaaniin, goodinuuma walloo kaabaa kana keessatti, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Sadaasa 16 bara 2016 aanaa Haabruu naannaa bataskaanaa Gaattiraa Goorgiis rasaasa meeshaa waraanaa guddaa kufeen, xabalaa fi tajaajiila amantii kanneen kennaa turanii fi amantoota irraa miidhaan guddaa fi salphaan akka irra ga’e, bulchaan gadaamii Sanaa sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Waajirri Komuunikeeshinii kan goodiina Walloo Kaabaa naannoo sun bulchiinsa koomaand poostii jala waan jiruuf jecha, haleellaa rawwatame jedhame kana irratti ibsa kennuu akka hin dandeenye ibsuun, komaand postiin haala jiru xiinxalee gara fuula duraatti ibsa kennuu akka maluu beeksisee jira jechuun Masfiin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira.
Forum