Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Aksuum Keessatti Waggoota Afurii Booda Har’a Ayyaanni Aksum Xiyoon Kabajamee Oole


Axum Tsion
Axum Tsion

Amantoonni amantii Ortoodooksii waggaa waggaan sadaasa 21 kan kabajan Ayyaannii Aksuum Xiyoon waggaa 4 booda yeroo jalqabaaf amantoonni kuma dhibba hedduun lafa argamaniitti kabajamee jira.

Nagaan argamuu isaan waggoota hedduu booda kabajuu dandeenye kan jedhan amantoonni nagaan jajjabaachuu qaba jedhan. Ayyaana kana irratti argamuuf jecha, bulchiinsa naannoo Tigraayii naannoolee Itiyoophiyaa adda addaa irraa amantonni dhufan argamanii jiru.

Ayyaana kana irratti kan argaman prezidaantiin bulchiinsa yeroo kan bulchiinsa naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa, ayyaannii Aksuum Tsiyoon kun mataa ayyaana waggaa warra birootii jedhanii , warra amantii kana hordoofanis ta’e kanneen biroon ayyaana guddaa irratti argamanii dha jedhan.

Magaalaan Aksum haala gaarii hin taanee sana keessaa baatee, namoonni hedduun walitti dhufuun ayyaana kana keessatti kabajaa jiru kan jedhan Obbo Geetaachoon, fedhiin dadamaqiinsaa kan akkasii itti fufuu qaba jedhan.

Waggaa sadii dura guyyaa kanatti, magaala Aksuum keessatti waraana Ertraan miidhaa dhaqqabee jedhanis, haasawaa isaanii keessatti kan kaasan obbo Geetaachoo Raddaa, murtiin haqaa akka argamuufis ni qabsoofna jedhan.

Guyyaa ayyaanaa sana, haadholii, abbootii, obboleettootaa fi oboleessoota manaa baasanii fixan. Mana isaanii keessatti, gammojjii biyyatti akkasumas, daandilee irratti hordoofanii biyya ofii isaanii keessatti jumlaan ajjeesan. Namnii afaan Tigree hamma lafa irra jiruutti dhalootaa gara dhalootaatti kan yaadatamuu fi seenaa hin irraanfatamnee kan jedhan obbo Geetaachoon, mana murtii yakkaatti hanaga dhiyaataniitti hin boqonnu jedha.

Magaala Aksuum keessatti waggaa 3 dura badii rawwatamee jedhamee himata dhiyaatu mootumman Ertraa soba jechaa tureera.Kan mirga namoomaaf falmuu Amneestii Intarnaashinaal, magaalaa Aksuum keessatti, namoonni nagaan dhiibbootaan lakka’aman humnootii Ertraan ajjeefamuu ibsee ture.

Rakkoo dinagdee haawaasummaa fi nageenyaa tigraay keessaa akkasumas, dargaggonni abdii kutachuun godaanaaf deemuu isaanii, beelaan namoonni du’aa akka jiran, Obbo Geetaachoon haasawaa isaanii keessatti kaasanii jiru jechuun Mulugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG