Walitti bu’iinsii bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa jiru sadarkaa kana kan ga’e, rakkoolee walitti bu’iinsa kanaaf gumaachan hatattamaan furamuu Dhaba irraa akka ta’e ministeerri nagaa kan Itiyoophiyaa ibsee jira.
Waajirri kun raawwii nuusa waggaa ilaalchisee mana maree bakka bu’oota uummataatti koree dhaabbataa kan dhimmi haariroo alaa fi nagaaf yeroo dhiyeesseetti, walitti bu’iinsii bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessaa hojii isaaf danqaa ta’u isaa ibsee jira.
Itiyoophiyaa keessa walitti bu’iinsa jiran karaa ittiin furuun danda’amu kan ilaaleen, waajirri isaanii bulchiinsa naannoo adda addaa keessatti uummata waliin mariin gaggeessaa akka jiruu fi ta’uus garuu qormaanni hojii kana danquu jiraachuu isaa, gabaasa jiru kan dhiyeessan waajirichatti daayreekteera jeneeraalaa hoggansa hojii Tarsimoo kan ta’an Obbo Addunyaa Baqqalaa ibsanii jiru.
Gabaasa dhiyaate sana booda dhaabattoota amantii, maanguddoota biyyaa akkasumas bakka buutoota jaarmayoota siviikii dhimmi kun nu ilaalatajedhan biraa gaaffileen, dhiyaatanii kan turan ta’uus koreen dhaabbataan kun, sabaa himaan galma keessaa akka ba’an waan taasisseef gaaffilee dhiyaataniif deebii kennamee argachuun hin danda’amne.
Ta’uus garuu gaazexxeessoota waliin yeroo gabaabaaf kan turan Ministeera nagaa keessatti de’etaa Ministeeraa kan ta’an Obbo Taayyee Danda’aa, walitti bu’iinsii naannoo Amaaraa ituu hin ka’iin dura ittisuuf waajirri keessan maal hojjate jechuun gaaffii dhiyaateef ennaa deebisaa, waajirri isaanii, haallii bulchiinsa naannoo keessatti walitti bu’iinsa hordoofsisuu dhiiban waan akka jiran dursee adda baafatee akka turee ibsanii, yaada dhiyaatee kana simatanii deebii hatattamaa ta’u qabu kennuu Dhaba irraa walitti bu’iinsii kun sadarkaa kana irra ga’e jedhan.
Walitti bu’iinsa Oromiyaa keessaa nagaan furuuf yaaliin jalqabamee itti fufuu akka qabuus Obbo Taayyee Danda’aa dubbachuu isaanii keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum