Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Magaalaa Gaazaa Guddittii Ishee Lammaffaa Keessaa Namoonni Akka Baqatan Ajajjee Jirti


Lammiiwwan Faalisxiin firoonni isaanii haleellaa Israa'el dugdee Gaazaatti geggeessiteen duraa ajjeefaman ennaa gaddaa isaanii Hospitaala Kahaan Yoonis keessatti ibsataa jiran. Muddee 3, 2023
Lammiiwwan Faalisxiin firoonni isaanii haleellaa Israa'el dugdee Gaazaatti geggeessiteen duraa ajjeefaman ennaa gaddaa isaanii Hospitaala Kahaan Yoonis keessatti ibsataa jiran. Muddee 3, 2023

Israa’el namoonni kutaa magaalaa guddittii Gaazaa lammaffaa keessa jiraatan Wiixata har’a akka baqatan gaafatteetti, sababiin isaas loltoonni Israa’el lola lafoo fi haleellaa qilleensa irraa hidhattoota Hamas irratti qiyyeeffate gaggeessaa yeroo jirtuutti.

Waraanni Israa’el namoota naannoo Khaan Younis gama kaaba gama baha keessa jiran nageenya ofii isaaniitiif jecha, akka bahan itti himuun gara naannoowwan kibba fagootti akka dheessan ajaja kennite.

Kahaan Younis Gaazaa gama kibbaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, iddoon kun Israa'el Haamaas irratti, kutaa kaabaa naannoo kanaatti duula waraanaa yeroo jalqabde, namoonni nagaa hedduun itti baqatanii dha.

Israa’el namoonni naannoo akka baqatan akeekkachiisa hedduu kan kennitu yoo ta’u, yeroo xinnoo booda haleellaa jala seenuun, qondaaltota Tokkummaa Mootummootaa irraas qeeqa ishee mudateera. Qondaaltonni kun akka jedhanti, Gaazaa keessatti tajaajiilli eleektrikii fi interneetii amansiisaan lafa hin jirreetti, namoonni odeeffannoo argachuuf rakkisaa taasisa jedhan.

Jarmaniin Wiixata har’a akka jettetti, Israa’el namoonni naannoo balaa’amaa Gaazaa keessaa gadhiisaa jechuun beeksisuu qofa osoo hin taane, “bakka biraatti daahannaa nageenya argachuuf haala amansiisaa” keessa akka jiran mirkaneessuu qabdi jettee abdatti.

Tokkummaan mootummootaa haala gargaarsa namoomaa Gaazaa keessaa ilaalchisee akeekkachiisa kenneen, Ummanni tilmaamaan 100 keessaa harkii 80 mana ofii irraa buqqa’uu fi hedduun isaanii bakka daahannaa garmalee namaan guutame keessa akka jiraatan akeekkachiiseera.

Loltoonni Israa’el naannolee kanaan dura namoonni nagaa dahataniitti duula isaanii babal’isuu isaanii kun, lola cimaan Gaazaa gama kibbaa keessatti geggeeffamu, gargaarsa namoomaa daangaa karaa daangaa Masrii kibbaa waliin seenuu irratti, dhiibbaa akkamii akka geessisu yaaddoon jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG