Guutummaa Gaanfa Afrikaa keessatti namoonni miliyoona lamaa ol rooba cimaa fi lolaadhaan mana isaanii dhiisanii dheessuuf dirqisiifamuu ibsamee jira. Dhaabbati oduu Ajaans Fraans Prees (AFP) lakkoofsa isaanii Kamisa darbe gabaasee kun, lakkoofsa mootummaa fi Tokkummaa Mootummootaa irraa walitti qabame ta’u ni mul’isa.
Itiyoophiyaa keessatti namoonni 600, 000 ol ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’an keessaa 57 du’uu Dhaabbanni gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummoota (OCHAn) ibsee jira.
Balaa jijjiirama qilleensaa hamaa yeroo dhiyootti mudate kanaan walqabatee, lubbuun namoota 300tti hiiqan Somaaliyaa, Keeniyaa fi Itiyoophiyaa keessatti darbeera.
Roobni cimaan kun haala qilleensaa El Nino jedhamu waliin kan walqabatu yoo ta’u, naannoon sun caama hamaa waggoota 40 keessatti mul’ate hin beenne kan uummata miliyoonaan lakkaa’aman beela keessa galche keessaa, ba’aa jiran kan mudatedha.
Dhaabbanni tola ooltummaa Akshiin Ageenist Hangar (Action Against Hunger) jedhamu Roobii dabree galgala ibsa baaseen, haala hamaatu jira jedheera. Kanas jala bultii guyyaa walgahii haala jijjiirama qilleensaa irratti dubbatu COP28 jedhamu,Dubaay keessatti jalqabamuf ture ilaalchisee ibsa kana baase.
Kutaaleen dhiibbaa dinagdee fi caama yeroo dheeraa irraa dandamachuuf rakkachaa jiran yeroo ammaa immoo ba'aa lolaa bishaanii mudateen, rakkoo dachaa ta’een saaxilamanii jiru.
Kutaan Gaanfa Afrikaa, naannolee rakkoo jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta'an keessaa tokko yoo ta’u, garu gumaachi ardiin kun faalama qilleensa addunyaaf gumaache kan waliigalaa keessaa harka muraasa.
Forum