Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa fi Somaalee Keessatti Weerarrii Dhukkuuba Koleera Lubbuu Namoota Hedduu Galaafachuun Ibsame


Climate Change-Infectious Diseases-Cholera
Climate Change-Infectious Diseases-Cholera

Jalqaba Baatii Adooleessa dabree irraa kaasee weerara dhukkuuba Koleeraa ka’een, namoonni 90 ta’an lubbuu ofii dhabuu isaanii dhaabatii fayyaa haawaasaa kan bulchiinsa naannoo Sanaa beeksisee jira.

Kanneen kuma shan ta’an immoo, weerara kanaan qabamanii wal’ansa fayyaa argachuu isaanii, instituutiin kun ibseera.

Waajirri Fayyaa bulchiinsa naannoo Amaaraa weerarrii kun dhaqqabuu kan mirkaneessee yoo ta’u, keessumaa lafa xabala itti cuuphamanii fi naannoo namoonni hedduminaan itti walga’aniitti, miidhaa hamaa geesisuu isaa hubachiiseera.

Ta’uus garu yeroo ammaa kan weerara Koleeraan kan du’an akka hin jirree, waajirri fayyaas ta’ee instituutiin fayyaa lamaanuu hubachisanii jiru.

Hospitaata wal’ansa addaa kan Dabra Taaboor keessa kan hojjatan ogeessii fayyaa tokko akka jedhanti, rakkoon nageenyaa naannoo sana keessa jiru, tajaajiila eegumsa fayyaa kennuufis ta’e wal’ansa fayyaa argachuuf rakkisaa ta’u dubbatan.

Keessumaa haawaasnii baadiyyaa keessa jiru, miidhaaf saaxilamuu isaa ibsuun, humnootiin wal falmaa jiran tajaajiila fayyaa fi deggersa gargaarsa namoomaa akka dhaqqabuu gochuuf akka tole jedhan gaafatan.

Gama kaaniin Rooba hamaa iraa lolaa bishaanii mudateen Naannolee haalaan miidhaman keessaa tokko kan ta’e, bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti, dhukkubni koleeraa yoo xiqqaate lubbuu namoota 23 kan galaafate yoo ta’u, walumaa galatti namoonni 772 dhukkubichaan qabamuu isaanii dhaabbatii daa’immanii ykn Save the Children Kamisa dabree ibseera.

"Weerarri koleeraa Itiyoophiyaa fi guutuu Gaanfa Afrikaatti mudate to'annaa ala ta'uu akka danda'u, kunis, sababaa lolaa bishaaniin mana isaaniitii ba'aniif bishaan dhugaatii qulqulluu fi meeshaalee qulqullinaa kennuudhaaf yoo mootummaa fi arjoomtonni hawaasa tarkaanfii ariifataa hin fudhanne ta'e," jechuun akeekkachiiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG