Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Isiraa'elii Fi Hamaas Gidduutti Geggeessamaa Jiru Uummata Siiviliirra Miidhaa Hamaa Akka Geessisaa Jiru Ibsame


FAAYILII: Konkolaaaa waraana Israa'el daangaa dugdee Gaazaa irra jiru kibba Israa'el irraa ennaa mul'atu
FAAYILII: Konkolaaaa waraana Israa'el daangaa dugdee Gaazaa irra jiru kibba Israa'el irraa ennaa mul'atu

Lolli Israa’elii fi garee Paalastaayin Hamaas giduutti taasifamaa jiru Qibxata har’aa yemmuu kibbaa Gaazaa keessatti itti fufee jiru kanatti Siviilonni karaa walwaraansichaa keesaa bahan dhabuu danda’u jechuu dhaan dhaabbileen gargarsa namoomaa yaaddoo isaanii ibsaa jiru.

Waraannii lafoo fi taankiwaan Israa’el yemmuu garage magaalaa Kahaan Yenuus jedhamu isa magaala guddaa lamaataa kan ta’etti dhiibaa jiranitti haleellan xiyyaaraas samii irraa akka itti fufette akka jiru beekameeraa. Mootummaan Isiraa’el jiraattonii magaalichaa fi naannoo jiraatan lubbuu isaaniitif jechaa garaa Kibbaa gaazaatti fagaatanii akka baqatan hubachiisee jira.

Palastaayin keessatti qindeessitu gargaarsaa namoomaa kan ta’an, LYNN Hastings ibsaa wixata kaleesaa kennaniin, Gaazaa keesatti karaan gargaarsii namoomaa taasifamuu waan dhiphatee jiruuf namoottan rakkinaa keessa jiranuuf qaqqabuun akka hin danda’amne beeksisaniiru.

Wixata kaleessaa kan Gaazaa daawwatan prezidaantiin Koree fannoo diimaa aduunyaa Miirjaanaa Spooljaariik haalli Gaazaa keessa jiru waan nama callilssuu hin dandeenyee akka ta’e himanii, siviilonni waranaa isiraa’eliin marsamanii jiran baka nageenyaa isaaniitiif gaarii ta’eef itti baqachuu danda’an akka hin qabnee ibsuun isanii gabaasameera.

Motumman Israa’el gama isaatiin, gareen Hamaas bakkaawwan Siviilonni jiraatan keessaa maandhefachuudhaan akka isaanii bakkicha gadi lakkisanii hin bane gochaa jira jechuudhaan himatee jira.

Jarmiyaan dhaabbata mootumoota gamtoomanii kan hojii gargaarsa namoomaa qindeesaa jiru Gaazaa keessatti namootan miiliyoonii tokko fi qabxii Saddeet jireenyaa isaanii irraa buqqa’an keesaa miiliyoonii Tokko kan ta’an kan qubatanii jiran kibaa gaazaa keessa akka ta’e ibsee jira.

Akka ministirri fayyaa Gaazaa inni Hamaasiin bulchamuu ibsetti namoottan Gaazaa keessatti ergaa haleellaa Israa’el jalqabamee as Ajeefaman 15, 890 keessaa dhibeentaan 70n dubartootaa fi ijoollewwan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG