Naayijeeriyaa naannoo Kaaba lixa Kadunaatti humni waraanaa Nayijeeriyaa haleellaa Dirooniin gareewwan hidhatanii jiran irratti kan qiyyaaffate dogoggoraan yoo xiqqaate namoota nagaa 85 ajjeese. Pireezidaantiin Naayijeeriyaa Bolaa Ahimed Tinuubuu taatee nama jeequ jedhanii qorannaan akka irratti taasifamu ajajaniiru. Humni Waraanaa Naayijeeriyaa gama isaatiin Dirooniin isaa tokko dogoggoraan ganda Tudun Biri jedhamutti Sanbata darbe wayita jiraattoonni hordooftoota Amantaa Muziliimaa Ayyaana Tje jedhamu Feestivaala Moolidaa kabajaa jiranitti tarkaanfiin fudhatamuu isaa mirkaneesseera.
Humni Waraanaa Naayijeeriyaa namoonni dirooniin haleellaan irratti raawwatamuu malee lakoofsa namoota miidhaan irra ga’ee hin ifoomsine. Akka jiraattoonni himanittimmoo namoonni 85 du’aniiru , kanneen keessaammoo irra caalaan isaanii daa’immanii fi dubartootas jedhaniiru.
Boodarra garuu gabaasa Ejeensiin hooggansa balaa tasaa biyyaaleessaa Naayijeeriyaa baaseen namoonni 85 haleellaa diroonii kanaan yommuu ajjeefaman kanneen 66 ta’animmoo madaa’anii yaala fudhachaa jiru.
Forum