Naannoo kibba Ityoophiyaa godina Omoo kibbaa keessati kan argamuu aanaan Daassenechi harkii caalaan lolaa bishaanii laga Omoo irraa dhangala’een kan ka’ee manoottan baruumisaa waan tajaajilaa ala ta’aniif baratoonni kuma sadii ol ta’an akka baruumsa irraa addan citan bulchiinsii aanichaa fi jiraattonni sagalee Amerikaatti himaniru.
Bulchaan aanaa Daassenechi Obbo Fiqiremaariyaam Haymalaa akka jedhanitti, bakka namoottan qe’ee isaanii irraa buqa’an qubatanii jiranutti, bakka baruunsaa kan yeruu mijeesuudhaaf akka hojjatamaa jiru ibsaniiru.
Dhaabata mootumoota gamtoomanittii jaarmiyaan qindeesaa gargaarsa namoomaa ykn OCHAn torban darbe akka ibsetti anicha keessatti mannoottan baruumsaa 28 balaa lolaa Kanaan midhamanii, buufataleen fayyaa heddunis tajaajilaa ala ta’anii jiru.
Balaa lolaa gandoottan 40 keessaa gaadoottan 34 midhee Kanaan kan ka’e,namoottan kuma 79 qee’ee isaanii irraa bu’qauu isaanii bulchaan aanichaa ibsuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasa irraa gabaasee jira.
Forum