Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Roobii har’a daawwannaa ammaan dura baayyee hin baratamneef, tokkummaa Sooviyeet duraaniitiin alatti biyya Yunaayitid Arab Emireets seenanii jiru.
Kunis, Moskoo waltajjii addunyaa irratti irra deebitee jiraachuu ishee mirkaneessuuf yeroo barbaaddutti.
Raashaan, Waraana Yukireen irratti banteen, biyyoota dhihaa irraa adda baafamanii kan turan Puutiin, michoota isaanii Giddugaleessaa Bahaa waliin, boba’aa, daldalaa fi waldhabdee Israa’el fi Hamaas gidduu ni mari’atu.
Masaraan mootummaa Raashaa Kreemliin akka jedhutti, Putiin daawwannaa hojiif gamasitti imalan, kunis gara Saa’uudii Arabiyaatti hin imaliin dura jedhe.
Televiziyoonni mootummaa Raashiyaa Ministirri Dhimma Alaa united Arab Emereets Abdullah bin Zayed Al Nahyan fi qondaaltonni biroo dirree xayyaaraatti, Puutiin ennaa simatan agarsiiseera.
Bara 2022tti waliigalteen jijjiirraan daldala biyyoota lamaanii gidduu, doolaara biiliyoona 9 galmeessisuu isaa Kremlin beeksiseera.
Puutiin Roobii har’a gara boodaa Sa’uudii Arabiyaa yommuu ga’u mootii gonfoo dhaalan Mohaammad Bin Salmaan waliin ni mari’atu jedhamee eegama.
Puutiin erga baatii Bitooteessaa as, yakka waraanaatiin Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) kan ijoollee Yukireen seeraan ala biyyaa ari’uu himateen barbaadamaa turan.
Puutiin walgahii BRICS ji'a Hagayyaa keessa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame kan dhiisan yoo ta'u, walgahii G20 baatii Fuulabaabaa keessa gaggeeffame irrattis qaamaan hin argamnee.
Forum