Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Naannoo Amaaraa Keessatti Tokko Ho'aa Takka Gab Jechuu Deemaa Jiru Dhiheessii Hojii Qonnaa Irratti Dhiibbaa Uume Jedhame


NAANNOO AMAARAA
NAANNOO AMAARAA

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti, humnootii nageenyaa kan mootummaa fi hidhattoota garee Faannoo giddutti walitti bu’iinsii yeroo tokko ho’aa yeroo kaan qabbanaa’aa gaggeeffamu, dhiyeessii waan qonnaaf barbaachiisa ta’an kann bu’uuraa argachuu irratti, danqaa uumuun ibsamee jira.

Kana malees qaala’iinsa jireenyaa kan sadarkaa olaanaaf isaan saaxiluu isaa jiraattonni tokko tokko ibsanii jiru.

Jiraattonni magaalaalee adda addaa kan sagaleen Amerikaa har’a isaan dubbise akka jedhanti, walitti bu’iinsii jiru Gabaa waan danqeef jecha, yeroodhaa gara yerootti, waan akka Xaafii, shukurtii fi waan qonnaaf bu’ura ta’an irratti qaala’iinsa gatii hordoofsisee jira.

Kana malees mootummaan ilaalcha itti kennee akka to’atuufis gaafatanii jiru. Kan xaafii gurguuran namnii tokko akka jedhanti, sababaa dhabamuu nageenyaan kan ka’e, qonnaan bulaan oomiisha isaa gabaatti baasaa waan hin jirreef jecha dhiyeessii jiruuf rakkoo ijoo ta’’eera.

Bulchiinsa naannoo Amaaratti waajiira tajaajiila koomuunikeeshinii mootummaaf itti aanaa itti gaafatamaa kan ta’an Obbo Wandwasan Laggasaa naannoo sana keessatti rakkoon nageenya dhabamuu qaala’iinsa jireenyaa daran hammeessuu isaa ibsaniiru.Rakkoo kana furuufis mootummaan tarkaanfii adda addaa fudhataa akka jiru dubbatan.

Kana malees, odeeffannoo sobaan ummata burjaajeessuun gatii gurguurtaa daldaltoota hammeessaa jiran irrattis, tarkaanfii seera kabajsisuu mootummaan fudhataa jiruuf, eeruu kennuun mootummaa cina akka dhaabatan Obbo Wandwasan Laggasaa gaafachuu isaanii, Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG