Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoolee Itiyoophiyaa Lama Keessatti Haleellaalee Baatii Sadaasaa Keessa Geggeessamaniin Namoonni 56 Ajjeesamuun Gabaasame



Faayilii:Komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa
Faayilii:Komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa

Komiishinni mirga namoomaa kan Itiyoohiyaa Ibsa har’a baaseen Bulchiinsa naannoo Amaaraa, Beeneeshanguul Gumuuz fi oromiyaa keessatti, haleellaa namoota nagaa irratti gaggeeffamee yaaddeessaa ta’u hubachiisee jira.

Baatii sadaasa keessa qofa Oromiyaa fi Beeneeshaangul keessatti haleellaa namoota nagaa irratti gaggeeffameen, yoo xiqqaate 56 kan ajjeefaman yoo ta’u bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti namoonni lakkoofsii isaanii hin beekamiin namoonni baayyeen ajjeefamuu ibsee jira.

Tarkaanfiin fudhatamuu kunis, eenyummaa irratti kan hirkatee ta’u ibsee, dhimmi kun hatattamaan furmaata gama siyaasaa kan barbaadu ta’,, komiishiinicha keessatti, Daayreekteera olaanaa kan dhimma hordoffii fi qorannaa mirga namoomaa Dr Mizaanee Abaata ibsanii jiru. Haleellaalee gaggeeffaman kanaan ajjeechaa dhaqqabee malees, qaamaa hir’achuu fi qabeenyaan manca’uu ibsee, sababaa kanaan namoonni hedduun manaa fi qe’e ofii irraa godaanuu fi gargaarsii namoomaa kan hatattamaa kennameefii qe’e ofitti deebi’uun haallii dhabbataan ittiin bayyanachiisan akka mijatuuf gaafatee jira jechuu Keenddii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG