Bulchiinsa naannoo Tigraay goodiina gama bahaa aanaa Atsabii keessatti baatilee sadii keessatti, namoonni 111 beelaan du’u bulchaan aanaa Sanaa ibsanii jiru.
Damee dinagdee aanaa sanaaf itti gaafatamaa kan ta’an Obbo Birhaana Gabra akka jedhanti, baatii roobaa isa darbee keessa roobnii ga’an waan hin argamneef jecha caama mudateen jiraattoota 87,000 keessaa, 82,000 ol beelaaf saaxilamuu ibsan.
Omiishnii midhaanii aanaa sana keessaai argame uummataaf guyyaa 11 qofa kan ga’u waan ta’eef, sababaa beelaan lakkoobsii namoota du’uuf jiranii haala guddaan dabaluu mala jedhan.Qonnaan bultoonni beeleedaalee qaban gurguuranii nyaata afaanti deeffatanii kan bitatan ta’u jiraattonni ibsanii jiru.
Jiraattonni aanaa kanneen rakkoo beelaa keessa jiraniis, asuuma teenyee du’a keenya eeggachaa jirra jedhu.Anaa kana keessatti kan argamuu manni barumsaa sadarkaa lammaffaa Darraa barattonni sababaa beelaan baruumsa addaan kutaa akka jiran kan ibsan Daayreekteera kan ta’an Obbo Tasfaay Haayiluu baruumsa itti fufuuf hatattamaan gargaarsa nyaataatu barbaachisa jedhan.
Bulchiinsa yeroo kan bulchiinsa naannoo Tigraayiif prezidaantii kana ta’an Obbo Geetaachoo Raddaa, wiixata dabree marii magaala Maqalee keessatti gaggeffameen, koree buulchiinsa naannoo sana of keessaa qabu hundeessuun, beellii miidhaa jabaa ituu hin geesisiin dura ittisuuf kan hojjatu ta’u beeksisanii turan jechuun Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaaseera.
Forum