Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Keenya Awwaash Arbaatti Hidhamanii Jiran Nageenyi Isaanii Nu Yaaddeesse, Jedhu Maatii fi Abukaatoon Isaanii


Obbo Solomoon Gezzaayeny, Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa
Obbo Solomoon Gezzaayeny, Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa

Labsii yeroo hatattamaa waliin wal qabatee namoonni Awaash Arbaa keessatti hidhamanii jiran, nageenya isaanii kan ilaaleen yaaddoo akka qaban maatiin fi abuukaatoon isaanii ibsanii jiru.

Kanneen to’annaa jala jiran keessaa kan ta’an Obbo Kristaan Taaddalaa fi Obbo Yohannis Boyaaleew dabalatee suuraa namoota sadii midiyaa haawaasaa irraa naanna’aa jiru irraa ka’uun, nageenyii hidhamtootaa kan isaan yaaddeessu ta’u abukaatoota keessaa tokko kana ta’an Obbo Soplomoon Gazaahaany ibsanii jiru.

Bordiin qorannaa gaggeessu kan yeroo labsii yeroo hatattamaa akkaataan qabiinsa mirga namoomaa kan hidhamtootaa ilaalchisee, hordoffii jabaa gaggeessuu akka qabu hubachiisan.

Kana ilaalchisee yaada bordii kanaa argachuuf yaaliin ta’e ammaaf hin milkoofne. Yeroo labsii hatattamaa shakkiin kan qabaman namoota 4116 qofa ta’u kan ibsuun bordiin qorannoo, isaan kana keessaa walakkaa ol leenjii haaromsaa fudhatanii gadhiifaman jechuun torban 2 dura, dhaabbata oduu Itiyoophiyaaf ibsee ture.

Maatiin hidhamtootaa yaaddoo qaban kana ibsuun komiishiina mirga namoomaa kan Itiyoophiyaatti beeksisuu isaanii dubbatan.

Komishinichis gama isaan, hidhamtoota kana ammas dhaqee daawwachuuf yaalaa akka jiru ibsee jira jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG