Haaleellaan qarqara Gaazaa Kibbaa naannoowwan isaan dhumaa namoonni itti baqachuu danda'an keessaatti Israa’el gaggeessite sodaa hammeessee jira.
Humnoonni Israa’el magaalaa Gaazaa gama kibbaa kan taatee Raafaa halkan tokkotti yeroo lama rukutuu ishee har’a kan ibsan jiraattonni, iddoo ishee dhumaa fi tokkitti namoonni nagaan itti baqachuu danda’an keessatti sodaa hammeessee jira.
Israa’el haleellaa Hamaas irratti gaggeessitu Gaazaa kaabaa irraa ka’un, hanga naannoo gama kibbaa kan duraanuu namoota manaa fi qe’e ofii dhiisanii baqatan kanneen harka 80 ta’aniin guutameetti babalistee deemaa jirti.
Qondaaltonni Tokkummaa Mootummootaa akka jedhanti, Gaazaa keessatti bakki nagaa qabu hin jiru. Lolli cimaan magaalaa gama kibbaa kan taatee Khaan Younis keessaa fi naannoo isheetti geggeeffame namoota kuma kurna heedduun lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa godaansisee jira. Kana malees Gaazaa harka caalaa keessa nyaataa, bishaanii fi gargaarsa barbaachisoo biroo akka hin hi ta’e addaan cite jira.
Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guterees aangoo yeroo tokko tokko itti gargaaraman fayyadamuun"balaa ykn rakkoo namoomaa" dhufuuf jiru ilaalchisee gola naga eegumsaa akeekkachiisuun, miseensonni dhukaasa dhaabinsii akka argamuuf gaafadhaa jedhan.
Yeroo Israa’el magaalaa Gaazaa fi gama kaabaa harka caalu dhabamsiisteetti, lammiileen Falasxiin baay’een ajjeefaman jechuun, du’a namoota nagaa fi godaansa akka daangessitu Ameerikaan, gaafatteetti.
Garuu Israa’eliif deeggarsa iddoodhaa hin sochoone kennuuf waadaa galtee jirti, lola kana dhaabuuf tattaaffii Tokkummaan Mootummootaa taasisuu kamiyyuu ugguruu waan hin oolle fakkaata.
Forum